Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jilli MM Itoophiyaa Dr Abiy Asmaraatti simannaan addaa taasifameeraaf
Ministirri Mummichaa Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad erga waldhabdee waggoota 20 oliif biyyoota lamaan jidduu uumameen booda marii nageenyaa eegaluuf har'a dowannaa seena qabeessaaf Eertiraa galaniiru.
Ministirrichi wayita magaalaa guddoo Eertiraa Asimaraa galaniittis simannaa ho'aan pirezidaantii biyyattii Isaayaas Afawarqeefi qondaaltoota olaanoon taasifameefiira.
Akkasumas lammileen Ertiraas, alaabaa biyyoota lamaaniifi meexxii qabatanii kumaatamaan daandiiwwaniifi addababaayota Asmaraatti ba'uun sagalee jaalalaafi faaruun simannaa ho'aa taasisaniiruuf.
Dowwannaan ministira mummee Itoophiyaa biyya ollaa Eertiraatti har'a taasisan kunis erga wal waraansaa biyyoota lammaan jidduutti gaggeefame asiitiin kun waggoota digdaman darban keessa kan jalqabaa fi seena qabeessa ta'unsaa himameefiira.
Itoophiyaafi Eeritraan waraan hamaa bara 1998 hanga 2000tti gaggeessanii turaniin lubbuun namoota kumaatama hedduu gama lamaaniinu baduunsaa ni yaadatama.
Erga bara sanaatii kaasees walitti dhufeenyi dippilomaasii fi dinagdee biyyoon lamaan qabannaa'ee ture.
Simannaa addaa daawwannaa addaatiif
Fakkiiwwan miidiyaalee hawwaasummaa gara gararaafi TV Ertiraa akka agarsiisaa turanitti, daawwannaan Ministira Muummee kun waldhabdee waggootaa 20 f fulla'eef isa jalqabaa ta'uun seena qabeessa akkuma ta'e sadarkaan miira simannaa jirus seena qabeessa.
Hawaasni Ertiraa ililleedhaan, dargaggoonni ammoo miiraafi sagalee jaalalaan Dr Abiyyiin simataniiru.
Simannaa Ministira Muummee Dr. Abiyyiifi taasiame kana kan baayyee adda ta'e yeroo ibsan Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ertiraa Isxifaanos Af-warqii, "Seenaa biyyattii keessatti gaggeessaan biyyaa kamiyyu simannaa ho'aa akkasii uummata Eertiraarraa Asmaraatti argatee hin beeeku," jechuun fuula tiwiitar isaaniirratti barreessaniiru.
Simannaa guddaan jila Dr. Abiyyiif Asmaraatti Pirezedaanti Isaayyaasiifi uummata Ertiraan taasifame jaalalaafi nagaa buusuun harooroo biyyoota lamaanii qajeelfachuu keessatti ergaa jabduu akka dabarsu kan barreessan Dursaan Waajira Ministeera Muummee Obbo Fitsum Araggaa ammoo, gara fuula duraatti uummata biyyoota lamaaniif waan milkii gaarii qabu hojjechuuf carraa guddaadha jedhaniiru.
Miseensonni jila Ertiraa daawwachaa jiran keessa eenyufaatu jira?
Jilli daawwannaa seena qabeessatti jiru Ministira Muummichaatiin durfamu kun aanga'oota jajjaboo of keessaa qaba.
Dr. Warqinaa Gabayyoo Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa, Mufariyaat Kamaal Afayaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa, Keeriyaa Ibiraahim Afiyaa'ii Mana Maree Federaashinii, Ahimad Shidee Ministira Waajira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaafi Obbo Fitsuma Araggaa Dursaa Waajira Ministira Muummee miseensota jila kanaati.
Xiyyaarri Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Asmaraatti mullate
Jilli Dr. Abiyyi kun xiyyaara daandii Itoophiyaatiin buufata Xiyyaaraa Asmaraa buufatan.
Xiyyaarri hasxaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa qabus buufata biyyaaraa Asmaraatti mullate kun egaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa waggaa haaraawaa Itoophiyaatti gara Asmaraatti balali'uu jalqaba kan jedhuuf karaa waan bane fakkaata.
Lammileen Ertiraa maal jedhu?
" Maqaan koo Yemaanee Teweldee jedhama, magaalaa Naayiroobiin jiraadhaa. '' Nagaan biyyoota lamaaniif. Akka Dr Abiy Asmaraatti Isaayyaa Afawarqiin argee yoo dhagahu baayyeen gammade. Lammiiwwan Itoophiyaa fi Eritiraa maraaf waan gaariin hawwa.
Jiraataan Magaala Asmaraa simannaa ministira mummee Dr Abiy irratti argaman ''Lammiileen Ertiraa nagaaf wareegama guddaa kaffalaniru. Nagaan, guddinni fi kaka'umsi obsa waggaa 20 booda argame firii dhamaatii keenyaati'' jedhaniiru.
'' Abiy biyya isaa obboleessasaa bira dhufe. Waan yeroo dheeraaf abjochaa turre fiixaan nuu baase. Nagaa bade iddootti deebise. Anaa dhufu jenneerra. Waan jiraataan magaalattii biroon dubbatan.