Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hooggantoonni Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa Asmaraatti mari'achuuf
Aanga'oonni Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Eertiraa Asmaraatti marii eegaluuf akka deeman barame.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad dowwanaa isaanii Chaayinaa xumuruun yeroo lammataatiif gara Eertiraatti qajeeluun Asabi irratti pirezidaantii biyyattii Obbo Isaayaas Afawarqiitiin simanaan taasifameefiira.
Haaluma walfakkaatunis dooniin Itoophiyaa waggoota 20n booda yeroo jalqabaatiif buufata Mitsiwaa irraa fe'iinsa fuutee gara Chaayinaatti qajeeluun barameera.
Ministirri mummichaa Dr Abiyyi Ahimad dhiheenya kanas sadarkaa daandiin daldala galiifii al-ergiin ni tajaajila jedhame irratti argamu dowwataniiru.
Ministirri mummichaa baatiiwwan lamaan darban keessatti Eertiraa yeroo lammaffaa kan dowwatan yoo ta'u, Asabirraa gara Asmaraatti osoo hin qajeeliin dura buufata Mitsiwaa dowwachuunsaanii barameera.
Turtii dowwannaa Ministira mummichaa Dr Abiyyi guyyoota lamaaf Eertiraatti taasisaniin, haala karoorri walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Eertiraa irratti argamu irratti Pirezidaanti biyyattii Isaayyaas Afawarqii waliin akka mari'atan ni eegama.
Haaluma walfakkaatunis pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abduullaahii Faarmaajoo gara Eertiraatti akka qajeelan waajjirri dhimmoota haajaa alaa biyyattii beeksiiseera.
Waajjirichi akka beeksiseetti, pirezidaantichi Kamiisaa fi Jimaata walgahii dhimmoota Eertiraa, Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliinii ta'an irratti ni hirmaatu.
Haaluma kanaanis imalli Ministira mummee Dr Abiyyiis walgahidhuma kana irratti hirmaachuuf kan kaayyeefate akka ta'e amanama.