Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin Itoophiyaa har'a yeroo jalqabaatiif Mitsiwaa mi'a feete
Dooniin Itoophiyaa Maqalee jedhamuun waamamtu har'a waggoota 20n booda yeroo jalaqabaatiif mi'a fe'unshee barame.
Hojii eegauun doonii tanaas qaamuma waliigaltee nageenyaa baatiiwwan dura biyyoota lamaa jidduutti umamee tureeti.
Akka madden ibsaniitti, dooniin tunis fe'iisa toonii kuma 11 ta'u qabattee gara biyya Chaayinaatti qaxxaamurti.
Hojii eegaluun doonii kanaatiis buufata Mitsiwwaa waggoota 20n darbaniif hojii dhaabee ture ifatti hojii akka egalu kan dandeessiseedha.
Minisitirri mummichaa Dr Abiyyi Ahimadis bakkichatti argamuun buufatichi hojii eegaluuf qophaa'aa ta'u ilaalanii jiru.
Haaluma walfakkaatunis har'a saa'aa booda buufata Asabiitti argamuun tajaajila itti aanuuf qophaa'aa taasisuuf hojjii hojjatamaa ni dowwatu jechuun EBCn gabaaseera.