Ajax 2-3 Totenaam: Lukaas Mooraaf siidaan dhaabbachuu qaba -Kiristiyaan Eriksen

Galchiiwwan sadii lakkoofsisuun kilabii Ingiliz biraa xumura shaampiyoonsi Liigiif waan dhaqqabsiiseef Lukaas Mooraaf siidaan dhaabbachuufii qaba jedhe miiltoon isaa Kiristiyaan Eriksen.

Ayaaksi galchii ida'amaa sadii fi 0'n dursaa turanis boqonnaan booda galchiiwwan Lukaas Mooraa lakkoofsise sadan miira deeggartootaa fi hawaasa adunyaa jijjiireera.

Daqiiqaa 96ffaa irratti galchiin lakkoofsise, deeggartoota Tootenaamiif gammachuu daangaa hin qabne, taphattota Ayaksi taphichi xumuramuuf sekondiiwwan eeggataanii gammachuu isaanii ibsachuuf turaniif ammoo gadda dugda isaan kute taheera.

Taphattotni Ayaaksi amanuu hin dandeenye. Dhaabbatanii ilaaluuf isaanitti ulfaate ture. Carraawwan biroo dursanii uumaa turan itti fayyadamuu dhabuun isaaniis gatii isaan kaffalchiisera.

Leenjisaan Tootenaam Maroshiyoo Pochetinoon gammachuu isaa akka daa'imaatti hirqinfatee boo'uun ture kan ibsate.

Amanuu hin dandeenye. Gadda guddaa keessa osoo jiranii gammachuun sammuutti hin yaadne akka tasaa uumamuutti.

Pochetinoon BT ispoorti irratti akka dubbatetti ''miira ajaa'ibsiisaadha, kubba miilaaf galanni haa tahu, taphattotni koo hundi isaanii goototadha, Lukaas Mooraan garu goota hunda caaludha jedhan.

Sadarkaa kanatti dorgomun ulfaataa ture, leenjisaa tahuu koof an carraa qabeessadha; kubba miilaa jiraachuu koo fi dorgommii akkasii keessatti hirmaachuukoofis.''

Luukas Mooraa: Jechootaan ibsuun hin danda'amu. Baay'ee gammadeera. Hojii garee cimaa hojjenne. Kun kennaa guddaan waaqa irraa argadhedha. Kanaaf maatii, hiriyyoota koofi miiltoowwan koo waliin taphannuuf qoodun barbaada.''

Daanii Rooz taphataan sarara ittisaa Tootenaam immoo waan Liiverpuul hojjetetu nu kakaase jedhe.

Matis e Laayit: Taphataan Ayaaksi galchii jalqabaa lakkoofsise lafti waan miila keenya jalaa cite nutti fakkaate jedhe.

''Kutaan uffannaas callisa mana du'aa fakkaatuun gutamee ture. Xumura irra geenyee ture. Nama dhukkubsa. Ta'us imala gaarii Shaampiyoonsi Liigii keessatti taasifneerra.''

Lukaas Mooraan walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii sadii lakkoofsisuun taphataa shanaffaa adunyaa kanaa tahuu isaati.

Tootenaam dirree isaanii haaraa pawondii biliyoona 1'n ijaarame irratti bara kana taphachuu kan eegalan yoo tahu kilebii dorgomaa cimaas tahaa dhufaniiru.

Liiverpuul 4 fi 0'n Baarseloonaa dirree isaa irratti injifachuun seenaa guddaa hojjechuun waancaaf darbe.

Kun ammoo seenaa waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti kilebootni Ingiliz lama xumuraaf dhaqqabuun sadaffaadha.

Kunis erga Tootenaamii fi Woolvis [1972] Maanchister Yuunaayitidii fi Chelsiin bara 2008 xumuraa waancaaf dhaqqabaniiti.

Bara kana waancaa Piriimer Liigiidhaaf Maanchister Siitii waliin morkii xumuraa keessa kan jiru Liiverpuul tapha xumuraa hafteen carraan isaa kan murtaa'u taha.

Kunis yoo mo'ate illee tapha Maanchister Siitin Biraayitan waliin taaisu irratti ka hundaa'u taha.

Waancaan Shaampiyoonsi Liigii Waxabajji 1 kan taphatamu yoo tahu kilebootni Ingiliz kunneen Madiriditti falmii cimaa ni taasisu jedhamee eegama. Haarii Keen taphichaaf dhaqqabuu danda'a.