Paarotii bofaan hiddamee, poolisiin ittii dhukaase, hatamee deebi'ee gara da'oosaa dhufe

Fireedii Kirugeer akka mukee(parrot) warra kaanii miti.

Kunimmoo saamtota qawwee qabaniin erga fudhatamee guyyaa sadii booda gaafa Ebla 16, da'oosaa Kaaskaaveel kibba Biraazilitti argamutti deebi'uusaa qofaaf miti.

Man'eesaa waggaa afuriif keessa jiraate biratti argamuusaati.

Yeroo hatamu sanatti bofaan hiddame kutaa wal'aansaa keessatti bayyaanachaa ture jedhu hakimooti bineeldotaa.

Kana qofaa miti.

Gara da'oo bineensotaa otoo hin dhufiin dura, holqa biqiltuu araada nama qabsiisu keessa jiraachaa ture.

Maqaa isaa Freedii Krugeer qooddataa fiilmii Naayitmeer jedhamurraa argate. Bara 2015tti poolisiin otoo hojiisaa dalaguu fuulasaatti dhukaasee ture

Miidhaan irra gahe ijasaa mirgaafi afaan gar-tokkee isa dhabsiiseera.

Kanaaf, mukeen kuni saamtootaan yeroo fudhatamu haala gaarii irra hin turee.

Haa ta'u malee miidhaansaa akka warra kaanii jiraachuurra isa hin dhorkine.

Afaansaa gar-tokkee haa dhabuyyuu malee firii mukaa quncisuufi kuduraa nyaachuurra isa hin dhorkine.

Daldala seeraan alaa bu'aa qabeessa tahe

Saamtoonnii Fireedii qaamnisaa hanqachuu gaafa aragan isa hin gadhiisiin hin oolu jedha poolisiin.

''Isa gurguruun ulfaachuu danda'a, akka salphaattisa miidhamasaa baruun ni danda'ama'' jechuun BBCtti himan daariktarri da'oo Ilaayir Dittoonii.

Biraazilitti bineensota gurgurtaaf daddabarsuun waan bu'aa guddaa argamsiisu dha.

Beektonni dhimma kana qoratan bineensota daddabarsuurraa biyyattii keessatti waggaatti qarshiin hanga biiliyoona 3 argama jedhu.

''Fireediin paarootii carra qabeessa yookiin carraa dhabeessa akka tahe baruu hin dandeenye'' jedha daariktarri da'oo bineensotaa kanaa

Kiliinika naannoo sana argamutti dhiigni aragamuunsaa Fireediin hin deemu jedhee loluusaaf ragaa tahuu danda'a.

Daawwattotaaf abdii

''Paarootichi maraataa qabaan isa hin danda'u, warra isa fudhatanis kanaumatau rakkise fakkta'' jedha Dettooniis

Gaafuma dhufee qabee gamsiisaa gatii taheef, man'ee warra kaanirraa addatti akka taa'u taasifame.

''Qosaa hin se'een, yeroo tokko paarootii biraa ajjeesee oole''

Saamichi akkasii kuni kan jalqabaa miti bineensoti biroos akana dura Kaaskaaveel irraa fudhatamanii turan.

Da'oonis eegumsaa gahaa tahe hin qabu, kaameeraas eegumsaas hin qabu. Poolisota sadiitu bineensot 340 tahan eega.

Gaafa Fireediin fudhatame lamman isaanii dhukkubsatanii hafanii turan.

Seenaan Fireedii daawwattota baayyee harkisuu danda'a. Qabannaa da'oo kanaas foyyeessu dandeenya jedheera.