Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indooneeziyaan magaalaa guddooshee akka jijjiirtu beeksiste
Ministrri karooraa biyyattii Indooneeziyaan magaalaa guddoo Jaakaartaarraa geeddaruuf akka ta'e himan.
Baambang Biroojonegoroon pireezidaantiin biyyattii Jookoo Widoodoon magaalaa guddittii geeddaruuf 'murtooo barbaachisaa' tahe murteessan jedhan.
Eessatti akka geeddaramu yoo beekamuu baateyyuu, gabaasoti gama miidiyaa hawaasumman bahan magaalaa Paalaangkaaraayaa odola Boornewoo irratti argatuutti ta'uu danda'a jedhu
Jaakaartaa keessa namooti miiliyoona 10 jiraatu, magaalota saffisaan bishaaniin liqimfaman keessaati.
Pireezidaantiin biyyattii Widoodoon jalqaba baatii kanaarrattii filannoo waliigalaa mo'achuu isaanii erga labsaniin booda dha jijjiiramuun magaalaa guddoo kan dhagahame. Bu'aan filannoo garuu hanga Caamsaa 22tti ifatti hin himamu.
Maaliif geeddaruun barbaachise
Yaadni magaalaa guddoo geeddaruu biyyattiin bara 1945tti erga bilisoomtee irra deddeebiin ka'aa tureera.
Bara 2016tti qorannoon taasifameen magaalli baayyee guddoo taatee Jaakaartaan rakkoo tiraafikaa hamaa qabdi.
Rakkinni tiraafikaa magaalaa Jaakaartaa diinagdee biyyattii ruuphii tiriiliyona 100(doolaara 6.8) baasisa jedhan ministeerri karooraa.
Kana malees waggoota kudhan darban keessatti sagantaan guddaa aangoo wiirtuurraa fuudhuun bulchinsota magaalaaf kennuu jira ture.
Jaakaartaan magaalaa addunyaa saffisaan liqimfamaa jirtu dha.
Akka qorattoonni jedhanitti magaalli guddoo kuni bara 2050 guutummaan guutuutti liqimfamti. Kaabni Jakaartaa waggaa 10 keessatti m2.5 dhidhima gidduugalaan waggaatti cm1-15 liqimfamti.
Magaalattiin qaqara galaanaa lafa mucucaa, lagni 13 qaxxaamuru irra jirti.
Walakkaan magaalatti sarara galaanaan gadi dha. Sababiin kanaa immooo bishaan dhugaatiifi dhiqannaa boolla keessaa baasuu dha.