Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imbaasiin Itoophiyaa Naayiroobii jiru lammiileef cidha qopheesse
Cidha Mohaammed Xaahir Mohaammedii fi Asiyaa Abduljaliil Mohaammed jedhamu. Lammilee Itoophiyaa Dilbata darbe Imbasii Itoophiyaa Keeniyaa jirutti sirna gaa'elaa isaanii raawwatanidha.
Cidha qopheessuun namoota wal fuudhaniif yaaddoo tahuu mala. Baasii nyaata fi dhugaatii, konkolaataa fi bakka sirna itti gaggeeffatan galma irraa eegalee jechuudha.
Keessummaa lammileen biyya hormaa jiraataniif ammoo haala ulfaataa tahuu danda'a.
Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru garuu yaaddoo kana dabalatee dhimma hawwaasummaa lammilee Itoophiyaa Keeniyaa keessa jiraniif fala kanaan dura hin baramne kennuu irratti waan fuulleeffate fakkaata.
Mohaammedii fi Asiyaanis hojiiwwan Imbasichi jalqabe irraa gama cidha gaggeeffachuun fayyadamtoota jalqabaa tahuu danda'aniiru.
Mohammed osoo cidha isaanii qopheeffachuudhaaf hoteelota Habashaa gaafachaa jiranii Ambaasaaddarri Itoophiyaa Keeniyaa jiran Mallas Alam arguu dubbata.
"Mallas Alam baay'ee nama gaariiidha. Achitti isa argeen kaadhimaa koo waliin walbarsiiseen cidha gaggeeffachuuf akka jirrun itti hime.
Baasii barbaachisu isiniif taasifnee isin cinaa dhaabannaa Imbaasiitti cidha keessan yoo raawwattan nu gammachiisa jedhe. Nutis hedduu gammannee baasii ofii keenyaaf danda'annee sagantaa suuraa keenyaaf akka dhufnu itti himne."
Simannaan mushorrootaaf Imbaasiitti ture kan baayyee nama gammachiisu akka ta'e kan himu Mohammed, torban tokkotu hafe jennee erga itti himnee hordofanii deggarsa nuuf taasisaa turan jedha.
"Bilbila bilbiluudhaan waan isin rakkise yoo jiraate isin waliin jirra jechuudhaan baayyee nu gargaaraa turan."
Osoo dur ta'ee akka kanaa aantummaan dhimma gammachuufi gaddaa maraan nama bira dhaabbachuu hafee karaa sanayyu darbuun hin danda'amu ture jedha Mohammed.
Imbaasii Rippablika Federaalawa Dimokiraatawa Itoophiyaa kan Naayiroobii Keeniyaatti Ambaasaaddar Malas Alam "Seenaa Imbaasichaa dhiyoo keessatti taateen kun isa jalqabaa akka ta'etti amanna. Imbaasonni Itoophiyaa guutummaa addunyaarra jiran 60 ni ta'u. Qophii cidhaa akkasii kana hin argine. Kanaaf kan Imbaasiin Itoophiyaa Naayiroobiitti argamu kun qopheesse isa jalqabaati.'' jedhan.
Imbaasiin Itoophiyaa Naayiroobiitti argamu torban dura lammileen qophii adda addaa kan akka cidhaa, kabaja guyyaa dhalootaa, warra deebii, maatiin walbaruufi qophiiwwan hawwaasummaa biroo yoo qabaatan galma yoo barbaaddan isaan tajaajiluuf qophii ta'uu isaa ibseera.
"Mooraan keenya bal'aadha, galma guddaas ni qabna waan ta'eef eegumsa nageenyaa barbaachisu taasisuudhaan lammileen keenya qophilee hawwaasummaa adda addaa akka gaggeeffatan hojjechaa jirra.
Gara fuula duraas gaaffiin akkasii yeroo jiraatan deggersa ni taasifna. Akka amantaa keenyaatti, imbaasonni lammileen seenanii hin baane onadha jechuu ni dandeenya. Akka gaagura kaannisa hin qabneeti jechuudha jedhan.
Mallas Alam Imbaasii lammileen yeroo gammadan dhufanii keessatti gammadan, yeroo gaddanis keessatti dhufanii jajjabaatan taasisuu barbaachisa jedhan.
Cidha Dilabata qophaa'e irrattis argamuun keekii fi dhugaatii qopheessanii hojjetoonniifi dippilomaatonni hunduu gammachuudhaan hirmaataniiru.
"Lammileen Itoophiyaa dhufanii gammachuun cidha isaanii yeroo qopheeffatan arguun, daa'imman yeroo Imbaasii keessa burraaqanii taphatan arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jirus jedhan. Kun mana lammilee Itoophiyaadha.
Mana warri gibira kaffalan ijaaranidha. kanaaf, Imbaasichi faayidaarra ooleera jennee amanna. Gara fuula duraattis ta'uu qaba kan jennus kanumadha."
Ambaasaaddar Mallas itti-gaafatamummaa imbaasiin tokko bahachuu qabu yeroo ibsan, lammileen bakka jiraatan hundatti mirga isaanii eegsisuufii, nageenya isaanii eeguufi kabaji isaaniif malu akka isaaniif kennamu taasisuudha jedhan.
Hariiroo mootummaan uummata waliin qabu kan biyya jiru yeroo qajeelaafi gaarii ta'utti hariiroon lammileen imbaasota waliin qabanis ni sirrata kan jedhan Ambbaasaaddarichi, walitti dhufeenya lammileen Itoophiyaa imbaasii biyya isaanii waliin qaban foyyaa'aa taasisuudhaaf cimanii hojjchuu barbaachisas jedhaniiru.