‘Mucan Ilmi namoota sadii' Giriikiitti dhalate

Doktaroonni qajjummaa (Fertility doctors) Giriikii fi Ispeen dhala dhabuu dubartii hambiisuuf namoota sadii irraa mucaa uuman.

Mucaan ilmaa Kibxata dhalate kunis kan kiilogiraama 2.9 ulfaata. Fayyaan mucichiifi haatii haala gaariirratti argama jedhameera.

Doktaroonni kunneenis cimdiiwwan addunyaa dhala godhachu hindandeenyeef 'Seenaa wallaansaa hojjanna' jedhaniiru.

Garuu ekipartoonni UK tokko tokko adeemsichi gaaffiiwwan naamusaa oggummaa waan kaasuuf raawwatamu hinqabaatu jedhaniiru.

Gosti qorannoon IVF ykn 'In Vitro Fertilization' kunis haadha irraa killee sanyii, abbaa irraas akkasuma isparmii fudhachuun dubartii arjoomtu biraa irraa killee sanyii itti eda'un umame.

Yaaliin kunis maatiiwwan dhukkuba hamaa 'mitochondrial diseases' jedhamuufi haadharraa gara daa'imaatti darbuun hubaman gargaaruu eegalame ture.

Kana duras maatii Joordaan tokko irratti yaalamuun qeequumsa heddu kaasee ture.

Garuu doktaroonni qajjummaa muraasni teknolojichi IVT tti wantoota hinbaramne heddu akka dabalu amanu.

Dubartiin Giriiki kan umuriinshee waggaa 32 taateefi mucaa ilmaa argachu dandeeesseedha wallaansa yaalii qorannoo kanan keessatti kan nhirmaatte. Dubartii kunis duraan yaalii ulfaa'u yeroo afuriif taasiftulleen osoo hinmilkaa'iniif hafeera.

Doktaroonni akka jedhaniittis, qaamni 'mitochondria' jedhamuuf nyaata seeliin hunda keessatti argamu gara humnaatti geedaru rakkina waan qabuuf, dirqama killeen ishee irraa fudhatamuun 'mitochondria'n dubartii arjoomtu kan biraa irraa fudhatamuun itti dabalamu qabaata jedhu.

Ulfinni qaamaa mucaan amma dhalate kun qabuun jiddugalaan kan daa'ima biraatiin gadii ta'ulleen fayyina isaarratti garuu dhiibbaa omaa akka hinqabaannee ibsameera.

Walllanisa kana keessatti kan hirmaatan Dr Paanaagoosit garuu dubartoota daa'ima qacceen sanyii isaanii qaban dahu barbaadaniif kan mirga saanii karaa qorannoo wallaansaatiin dhugoomseedha jedhaniiru.

Qorannoo wallaansaa Giriik keessatti gaggeefamaa jiru kana keessattis hanga ammaatti dubartoonni 24 keessatti qooda fudhachaa kan jiran yoo ta'u, isaan keessaayis saddeeti dhiheenyatti ulfaa'uu qophaa'uudha jedhameera.