Ummanni Itoophiyaa waa'ee hogganaa isaa waan yaadu baruuf safartuun maali?

Haala amma jiruun safartuun sirrii ummanni Itoophiyaa waa'ee hoggantoota isaa beekun itti danda'u hin jiru. Sababa kanaaf, namuu akkanumaan ta'eewwan ykn dhimmi namni ijoo dubbii godhate arguun ejjennoo qabata.

Fakkeenyaaf miidiyaa hawaasummaa irratti dhimmi ijoo dubbii ta'u hordofee namoonni yaada dimshaashaa fudhatu.

Walumaa galatti hammentaa ummanni hogganaa isaa/ishee fudhate safaruf wanti beekamu hin jiru. Namoonni siyaasaallee 'ummanni akkana jedha/' jechuudhaan ummanni isaan walii jiraatuu isaa dubbatu. Garuu, akkamin beekan?

Dur dur geejjibarra, lafa gabaa, du'a gayii, kanneen dhimmi hawaasummaa qeeqan biratti 'ummanni maal jedha?' waan jedhu baruun ni dandeessisa ture. Ammahoo akkamin barra?

'Itoophiyaa Intarneetiirraa'

Itoophiyaan fesbuukirraa kan lafa jirturraa xiqqaatti. Garuu, kana hubachuun maaliif dadhabame? Yaada ummataa (opinion poll) baruuf dhabamu isaati ta'aa?

Biyyoota guddatan keessatti garuu yaada ummataa walitti qabun biznasii qarshii biiliyoona hedduuti. Kayyoon qoranno kanaas, ''Ummanni waa'ee dhimma tokko maal yaada?'' kan jedhudha.

Bu'aan isaas waan salphaa miti. Adeemsa imaammataa, filannoo irratti, bajata irratti, akkasumas kaan irratti dhiibbaa ofii ni qabaata.

Biyyoota guddatan biratti ''polling'' inni jedhan waan ummanni wanta hogganaa/tuu ishee yaadu qofa osoo hin taane fedhiifi yaada namoota filannoo filatanillee adda baasa.

Itoophiyaa keessatti garuu kuni hin jiru. Kanneen miidiyaa hawaasummaa gubbaa yaada namootaa olii gadi oofan namootuma muraasa.

Namoota halaalaa kana hubatanif waan lafa jiru hubachuun isaan rakkisa.

Obbo Dhufeeraa Gosaan tarii namoota waa'ee ''polling'' beekan keessaa tokko ta'u hin didani. Maal jennaan waggoota 26 darbanif kubbaaniyyaa qorannoo hawaasummaa gaggeessu Waas Intarnaashinaal dareektara qorannoo ta'un gaggeessaniiru.

''Itoophiyaa yoo lafa buune malee hin argannuun,'' jechuun dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, ummata Itoophiyaa keessaa kan intarneeta yeroo hedduu fayyadamu dhibbantaa lamallee hin guutu.

Gandarra deemani baadiyyaa keessa balbala namaa rukuchaa, ''attam bultani?'' jechaa gaaffii fi deebii yeroo taasisan Itoophiyaa intarneeta gubbaa jirtu miti kan agarru jedhu.

Akkasuu ta'e yaada siyaasaa Itoophiyaa barun rakkisaadha. Waan namoonni waa'ee MM Abiy Ahimad yaadanis barun nama dhiba. Garuu, hanga yoonaa akkamin jiraachuu dhabe?

"Polling tolchuun wanjala ture"

Turtii waggaa tokko MM Abiy ilaalchisee namoonni tokko tokko waan qorannoo yaada ummataa fakkaatu qixeessuun yaada namoota walitti qabuf yaalaa turan.

Kanneen biroo immoo, mikaa'inaafi dadhabbii MM fakkiidhaan kaasuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa gad-lakkisaa tura. Kun, dhaabbanni kana hojjetu qabu akka hin jirre ifa baasa.

Dhaabbanni 'Waas International' jedhamu Itoophiyaa keessatti kan hundaa'e yoo ta'u dhaabbilee qorannoo gurguddoo addunyaafillee ni hojjeta. Dhaabbata beekamaa ''Gallup'' jedhamu waliinillee hojjeteera.

Qorannoo hawaasummaa gaggeessunis waggaa 20 olif tureera. Kana hunda keessa garuu, waa'ee MM duraanii Obbo Mallas Zenaawwis ta'e H/Maariyaam Dassaalany waan namni sammuudhaa qabu akkamin safaramu dhabe? Maaliif?

Dhaabbaticha keessa qooda kan qabaniifi qorataa kan ta'an Obbo Dhufeeraan''Polling jechuunis qorannoo miira ummataa,'' Itoophiyaa keessatti dhorkamee tureera jedhu. Sababa kanaaf waggoota dheeraaf akka wanjalaatti ilaalama ture.

''Waa'ee hogganaa biyyaa dhiisaati, waa'ee dhaqqabinsa fayyaafi bulchiinsa gaarii irratti qorannoo hawaasummaa taasisuufillee eeyyamni mootummaa gaafatama ture.''

Gaaffilee qorannoof dhihaatan keessaa qondaaltonni, ''gaaffilee kanneen baasaa,'' jedhu ture jedhu.

Haa ta'u malee, ummatni waan waa'ee hogganaas ta'e dhaaba isaa waan yaadu ifatti yoo hin dubbatu ta'e ragaa qabatamaa argachuunis rakkisaa ta'a.