Birtukaan Miidhaksaa: 'dubbiin koorniyaa haqaa fi walqixummaan addaa miti'

Biyya alaatti baqannaarraa kan turte ogeettiin seeraa fi hoggantuun Paartii mormituu duraanii Birtukaan Miidhaksaa gara biyyaatti erga deebi'ani Boordii Filannoo Biyyaaleessaa hogganaa jiru.

Guyyaa dubartoota 'March 8' ilaalchisuun af-gaaffi BBC waliin gaggeessaniin, ''gaaffiin hirmaannaa dubartootaa hawaasa keessatti walqixummaa fi haqaa argachuun addatti hin ilaalamu,'' jedhu.

''Kana dura hirmaannaan dubartootaa hawaasa keessatti xiqqaa ture, amma garuu hooggansa mootummaarratti foyya'iinsa guddaatu jira,'' jetti.

Yaadni Dubartoonni dhiyeessan jiruu hawaasummaa keessatti haala addaa ta'een barbaachisaadha kan jettu aadde Birtukaan, itti gaafatamummaa jireenya hawaasummaa keessatti qabaniif gumaacha adda qaba jetti.

Dhimmoota himaammaatan walqabaniirratti hirmaannaan dubartoota laafaa akka ta'e himuun ,amma waan foyyee qabutu jira jette. garuu hoggansa Paartii siyaasaa keessatti hirmaannaan dubartoota xiqqaa ta'u dubbatti.

''waltajjii marii paartileen 100 ol irratti hirmaatanirratti dubartoota 2 hin caalleetu argama , kun ammas hin jijjiramnee jetti .

'Paartileen siyaasaa dubartoota gara fuulduraatti fiduuf rakkanne jedhu, imaammaataan qajeelfamanii hojjannaan hirmaannaa dubartootarratti jijjiramni dhufuu mala jetti.

Boordiin filannoo biyyaaleessaas leenjiisuun fi deeggarsa maallaqaa mootummaan kennuunis walqixummaa koorniyaa akka jiraatu deeggaruuf karoora qabachuu himan.

Boordicha keessattis hojii- maneen hafe jiraachuu eeruun.

Adde Birtukaan biyyoota gargaaraa keessatti ''dhimmi koorniyaa addatti ilaalamuu hin qabu fi addatti bahuu qabaa kan jedhanii falmaan biyyoota garaa garaatti akka jiran kaasuun, lamaanu bu'aa gargaraa buuseera , ani garuu yeroo hundaa hubannoon raawwatamuu qabaa jedheen yaada'' jedhan.

''Dhaadannoo baasanii qofaan kan raawwatamu miti kan barame waan ta'eef, imaammaataan deeggaramuu qaba. Sadarkaa hundumaatti irraa deebiin ilaalamuu qaba, karoorfamuus qaba,'' jedhan.

Hooggansi mootummaa amma jiru biraatti adeemsa akkasitti jiru,'' jedhan Aadde Birtukaan.

hirmaannaa hooggansa siyaasaa keessatti dubartoota qofaa miti dargaggoota himaachisuurrattis hanqinanni jiraachuu kaasan.

Dhiyeenya kana gara biyyaatti kan deebi'an Aadde Birtukaan Miidhagsaa A.L.I filannoo bara 1997 irratti paartii Qindoominaa bakka bu'uuni dorgomaa turani.

Boordii filaannoo biyyaleessaa akka hoogganaaniif muudamuun marsaalee hawaasaa irratti falmii kaasee ture.

Namoonni hedduun hoggantuu duraanii paartii siyaasaa ta'uu isaanii eeruun walaba ta'uu isaanii irratti gaaffii kaasaa turan.

Hoggantuun paartii mormituu duraaniifi falmituun mirga namoomaa Aadde Birtukaan Miidhagsaa Walitti-qabduu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa ta'uun kan muudaman yaa'ii Idilee 5ffaa manni maree bakka bu'ootaa Uummataa irratti ture.