Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Aljeeriyaa dubbachuu hin dandeenye filannoof dorgomuu koo mormuun jeequmsa uumuu danda'aa jedhan
Pirezedantiin Aljeeriyaa Abdullaziiz Bootifikaan hiriirri mormii karoora deebi'ee filatamuurratti qabu mudate jeequmsa kaasuu mala jedhu.
Xalayaan dhaabbata odeeffannoo biyyatti APS News Agency irratti maxxanfame maanguddoon ganna 82 Bootifikaan hiriirtota nageenyaan yaada isaanii ibsatan galateeffachuu barreessa.
Garuu dhibbaa biyya keessaa fi alaarraa itti jabaata jiru ofeeggannoon ilaaluun qabnaa jechuun waamicha dhiyeessan.
Ji'a darbe ture obbo Bootifikaan filaannoo marsaa 5ffaa dorgomuu akka barbaadan kan ibsatan.
Waggoota 20 'f aangoorraa kan turan yoo ta'u, erga bara 2013 dhibee Istirookiin dhukkubsatanii hawaasatti baay'ee mul'atanii hin beekan.
Filannoo haaraa injifannaan ,marsaan itti aanuu otoo hin qaqqabiinaan aangoo gadhiisaa jedhan.
Ji'a darbe filannoo marsaa itti aanuufiin dorgoma erga jedhanii booda mormiin barattootaa, ogeeyyi seeraa fi gaazixessitootaa magaalota biyyatti keesssatti hammaateera.
Har'a hiriirri mormii guddaan ni waama jedhamee eegama.
Pirezedantichi bara 2014 hospitaala Siwizeerlanditti ji'a darbe kan geeffaman yoo ta'u, wayita sana sakkata'iinsa yaalii fayyaatiif deeman jedhameetu himamaa ture.
Dubbi himaan hospitaalaa Genevaa garuu, Televizyishinii Firaans iddoo Pirezedantichi jiran erga hime, namoota 1500 ta'anitu fayyaan isaanii maalirra jiraa jedhee nu gaafate jedhan.
Midiyaalee hawaasaarratti garuu, haasaa bilbilaa dhimma kanarratti qoosuutu lammileen Aljeeriyaan maxxanfame.