Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: ''Manneen jireenyaa daangaa Oromiyaa darbanii ijaaraman dabarsuun sirrii miti''
Erga oduun magaalaa Finfinneetti manneen kuma 50 ol tahan dabarfamanii kennamu dhagahamee, callisni Mootummaa Naannoo Oromiyaa namoota hedduu mariisisaa ture. Ibsi haalaan eegamaa tures xumurarratti baheera. Akka itti aanuutti dhiyeessineerra.
Haala yeroo ilaalchisee barreeffama ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa balballoomsu kan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa'e.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan roga maraan hojjetamu keessatti faayidaa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf duraa duubaan tarreessee itti hoojjechaa jira.bu'aawwan gurguddoos galmeessaa jira.
Dhimmi Finfinnees tahe dhimmoonni kanaa waliin wal qabatan hunduu duraa duubaan deebii akka argatan haaroomsaan kan irratti walii galamee hojitti jijjiiramaa jiru.
Dhimmi daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru furmaata waaraa hamma argatutti, manneen jireenyaa daangaa Oromiyaa darbanii ijaaramanii fi akkasumas Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii irratti dhiyeessaa jiru fala otoo hin argatin, fayyadamtootaaf carraadhaan dabarsuun sirrii akka hin taane, mootummaan Naannoo Oromiyaa ni amana.
Waan ta'eefiis murtoon kun akka hojiirra hin oolle Mootummaan Naannoo Oromiyaa ijjannoo cimaa qabatee jira.
Ejjannoon kun adda durummaadhaan faayidaa fi dantaa ummata keenyaa kabajchiisuurraa kan maddu malee walii wajjiin jireenya sabaa fi sablammootaa biyya keenyaa waliin qabnu jibbuurraa kan maddu akka hin taane hubatamuu qaba.
Mootummaan keenya ajandaa Finfinnee waliin wal qabatee ka'uu fi hojii raawwatamu kamuu ija faayidaa fi fedhii uummata keenyaatiin qofaan ilaala.
Finfinnee fi naannoo Finfinnee waliin wal qabatee hojiin hoojjetamu beekkamtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ummata Oromoon alatti raawwatamuufi yaadamu seera qabeessa jannees hin amannu.
Kan kaleessa ummata keenya wajjiin qabsoofneef roorroo ummata Oromoorraa qolachuufi, Ummata Oromoo badhaadhinaafi qananitti ceesisuu fi haar'as waan kaleessa waadaa ummata keenyaaf galle injifannoowwan boonsaa galmeessisaa dhufne cimsinee itti fufuudhaan, gaaffiiwwan ummata keenyaa kamiyyuu qabsoodhaan deebisuuf aarsaa barbaachisu kamiyyuu kaffaluuf qopha'aadha.
Oromoo fi Oromiyaa faayidaafi mirgi guutuun kabajamee fi badhaadhinaaf qananitti cehan ijaaruuf hoojjenna, gaaffii seeraa Ummata Oromoo kamuu seeraan deebifna.
Finfinnee daangaaf faayidaa manaan olitti faayidaa abbaa biyyummaa Oromoo karaa mirkaneessuun akka raawwatamu hojii eegalle cimsinee itti fufna.
Ummata keenyaa waliin hoojjenna, ummata keenya kabajnee ummata keenyaaf hoojjannee kan dabe sirreessina, gufuu ummata keenyaa kamiyyuu waliin furra, rakkoo kamuus mariin kallattii qabsiifna.