Biiftuu Guutamaa Hawaas: 'Abbaa koo Guutamaa Hawaas namatu na barsiise'

Guutamaa Hawaas

Faawundeeshiniin qabsaa'aa Guutamaa Hawaasiin moggaafame dhiheenya kan magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti hundeffameera.

Faawundeeshiniin kun intala Guutamaa Hawaas, Biiftuu Guutamaa Hawaasiin kan hundeeffame yoo ta'u, kaayyoo guddaa qabaatee kahuu nutti himteetti.

Hundeessituu fi hooggantuun Faawundeeshiniichaa Biiftuun waan jettu, "Faawundeeshiniin kun bu'uuraalee misoomaa kan akka manneen barnootaa, karaa, bishaan dhugaatii fi kkf ijaaruudhaaf hundaa'e.

Rakkinna hawaasaa keenyaa hamma humna keenyaan gargaaruudhaaf hundeessine."

Eebba Faawundeeshinii kanarratti hayyoonni Oromoo kanneen akka Dr Gammaachuu Magarsaa, Leencoo Lataa, Jawaar Mohaammad fi hoggantoonni mootummaas irratti hirmaataniiru.

Waltajjii eebbaa kanarratti, waahila Guutamaa Hawaas kan turan Obbo Saamu'eel Tufaa haasaa godhaniin, "kan du'ee dhiiga bootti, kan jiruuf bishaan hin areertu," jechuun mammaakaniiru.

Guutamaa Hawaas akkamiin yaadatamu?

Waa'ee Guutamaa Hawaas, maatii fi hiriyoota isaanii dubbisnee waan armaan gadii qindeeffanneerra.

Guutamaa Hawaas maqaan dhalootaa isaanii Jamaal Roobaleeti.

Bara 1945 ALA abbaa isaanii Roobalee Daadhii fi haadha isaanii Gashoo Toforraa godina Arsii aanaa Gololchaa ganda Ashuutee Geedoo jedhamutti dhalatan.

Barnoota isaanii kutaa 1-4 achuma Arsiiti baratan. Kutaa 5-12 immoo Finfinneetti mana barnootaa Addis Katamaa/Luuli Mokonniiniti xumuran.

Carraa barnoota ol'aanaa qabaatanis sababa dhiibbaan Mootummaa Dargii uummatarraan gahaa jiru ilaaluudhaan barnoota isaa dhiisee gara qabsoo seene.

Yeroo sanatti carraa hojii Mootummaa Dargii keessatti hojjachuu argatee ture.

Asxaa Faawundeeshinii Guutamaa Hawaas

Madda suuraa, Biiftuu Guutamaa Hawaas

Boordii bunaa keessatti yeroo muraasaaf hojjatee ture.

Haalli boordii bunaa keessa jiru qabsoo Oromoof isaaniif waan hin mijatiniif ALA bara 1975-1979tti godina Arsiitti bulchaa aanaa Gololchaa, Koonyaa Arbaa Guuguutti immoo itti gaafatamaa dhimma uummataa ta'uudhaan tajaajiilee ture.

Bara 1979-1984tti miseensa boordii koree kibba baha Baalee, Diida'aa fi Harargeetti immoo aanaa Dharroo Laguutti itti gaafatamaa dhimma hojii hawaasummaa ta'uudhaan tajajiileera.

''Abbaa koo akka ta'e namatu natti hime''

Bara 1983tti immoo miseensoota ABO lubbuun darbe bakka busuuf Harageetti kutaa Raamisii bakka Raaree Adaam Boruu jedhamutti, miseensa koree maatii fi koree giddu gala ABO ta'e.

Booda qabsoo kana ciimsuudhaan gara Baaleeti deebi'e.

Intalli isaa Biiftuu Guutamaa Hawaas akka jeettutti "Jireenya koo keessatti abbaa koo ji'oota shaniif qofaafin beeka. Abbaa koo akka ta'e namatu natti hime.

Yeroo san ijoollee ganna 10 ture. Obboleessa abbaakoon, abbaa koo bira na geessi jedhan ture. Innis xiqqoo na obsi mee siin geessa naan jedha ture.

Yeroo sun immoo yeroo ABO'n chaartar dhiise bahedha. Achii booda abbaa koon wal hin argine."

Obbo Saamu'eel Tufaa immoo hiriyaa fi nama qabsoorraatti waliin turaanidha.

Isaani immoo waa'ee Guutamaa Hawaas akkas jedhu "Jaallee Guutamaan nama kaayyoo isaaf wareegamedha,''

Yeroo chaartar sana ji'oota saddeetiif qabsoo ABO keessatti gahe guddaa taphatanidha.

Yeroo sanatti eega ABO chaartar dhiisee bahuufi yeroo namoonni gara biyya alaa deeman turan sanatti nama "ani uummata kiyya dhiisee eessallee hin deemu," jedhee dide. Carraa viizaa biyyoota hedduu argatee ture.

Lakkii uummata kana lafatti ilaalaa xiyyaaran hin deemu jedhee didee gara bosonaa seenun qabsoo bosonaatti makame.

Obbo Saamu'eelis Guutamaa waliin gara qabsoo bosonaa deemuu yaadaniis hin milkoofne.

Guutamaa Hawaas akka hiriyyaan isaa isa waliin deemee wareegamuu hin barbaadu ture. Yeroo sana obbo Saamu'eel hojjataa NGO turan.

"Ati hojii mata kee qabda kanaafuu Naayiroobii deemi," jedheeni.

Eega obbo Saamu'eel gara Naayiroobii deeman booda Guutamaa Hawaas guyyoota 10'f mana obbo Saamu'eel kana Finfinneetti argamu keessatti mootummaa jalaa dhookataa ture.

Booda nama maqaa isaa akka dhahu hin barbanne, konkolaataa obbo Saamu'eeliin Guutamaa Hawaas gara magaalaa Shaashamannee geessaniin.

Booda immoo gara Dodolaa deeman. Eega Dodolaa gahanii booda immoo namni isa fuudhee bosona geessu dhabamnaan gara Shaashamannee deebi'an.

Haalli achi jiruus gaarii waan hin turreef gara Adaamaa deeman.

Obbo Saamu'eel yeroo dhumaaf Guutamaa Hawaas kan argan Finfinnee mana hiriyyaa isaanitti ji'a Caamsa 1992 ALAtti.

Guutamaa Hawaas waggaa 14 bosona Baalee keessatti qabsoo keessa turan kan jedhan Obbo Saamu'el, yeroo sanitti hojjataa mootummaa Dargii turanis gara jalaan WBO'f meeshaa waraanaa fi nyaata geessu ture.

Yeroo dheeraa booda mootummaan Dargii itti beeknaan hojii isaa dhiisee gara bosona Baalee seene.

Achummatti iddoo dhaloota isaatti lubbuun isaas dabarte.