Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanaa: Biyya namuu barfatee hojii akka galu eegamu
Biyya namni hundi barfatee hojii dhaqu beektuu?
Gaazexeessituu fi Ministirri duraanii Elizaabeet Ohene, Gaanaatti sa'aatii ilaaluun yeroo keessan gubuudha jetti.
Gaafa Ministirri Olimpikii Jaappaan Yoshitakaa Sakuraadaa yaa'ii Paarlaamaarratti daqiiqaa 3 barfateef uummata dhiifama gaafachuuf dirqame sana, Jaappaan ta'uu dhabusaaniitti Ministiroota Gaanaa meeqatu Waaqa galateeffatan jedheen yaade.
Hojjattootni barfataniii iddoo hojii dhaquun Gaanaatti baratameera. Dhugumatti akka barfatanitu eegama.
Ani gaafan Ministira Gaanaa ture, sa'aatii hojii koo kabajeen iddoo hojiitti argama, namni sa'aatii hojii eegde argamti jedhee na eegu garuu hin turre.
Baayyeen keenya Pirezedantiin biyya keenya yeroodhaan hojiisaarratti argamu otoo jiraatee, aadaa yeroo kabajuu keenyaa jijjira jennee yaadna turre.
Kana booda Pirezedantiin Gaanaa John Kufoor yeroo kabajanii hawaasa tajaajiluu jajjabeessan.
Pirezedantichi sa'aatii hojiisaanii eeguun akka hojjatan gaafachuun, namootni biroos irraa baratanii yeroo hojiisaani akka kabajan gochuuf ture.
Kun muuxannoo nama gammachiisu ture.
Waan nama qaanessu, dippiloomatoonni gara biyya keenyaa dhufan hojii jalqabuuf yeroo dheeraa waan guban itti fakkaatetu barfatanii argamu.
Tarii yeroo gabaabduu Gaanaa wayita turan yeroo eeganii hojii eegaluu dhabuu baru.
Sirni muudama Pirezedanti ammaa Gaanaa Naanaa Akufoo Aaddoo barfatee eegalame, garuu hojiinis barfannaan akka eegalamu fakkeesse.
Pirezedantichi garuu yeroo kabajuun fakkeenya akka ta'an waadaa seenan.
Wayita sanarraa eegalee hojiirratti yeroon argamuuf tattaafatu.haa ta'u malee yeroo kabajuurratti jijjirama guddaa hin fidne.
'Daandiitu cufame'
Konkolaataan imaluuf daandiin magaalaa keenyatti cufamuun barfannaaf sababa tokko.
Mana kootii qabee amma biiroo kootti imaluuf daqiiqaa 20 ykn 40 ykn sa'aatii tokko natti fudhata. Gaaf tokko sirumaayyuu sa'aati 1:30.
Namni laaqanaaf affeerte yeroon inni sa'aatii irbaatayyuu dabarsee argamutu jira.
Dhimmi kun adeemsa jireenyaa hundaarratti dhiibbaa qaba.
Namni uffata naaf hodhu torban 3 keessatti akka hodhu natti himee garuu carroomeen ji'oota 3 boodan argadhe.
Rakkoon jiru yeroon eegaluu dhabuu qofaa miti, yeroon goolabuu dhabuunis jira.