MM Abiy Ahimad waliin irbaata nyaachuuf miiliyoona 5 baastuu?

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Piroojektii qarqara laggeenii Finfinnee misoomsuuf ifa taasifameef maallaqa walitti qabuuf, irbaatni Birrii miiliyoona 5 baasu qophaa'aa jira.

Irbaatni 'Dine for Sheger' jedhamee moggaafame kun tokkoon tokkoon isaa gatii Birrii miiliyoona 5 baasa.

Akka maddeen jedhanitti affeerraa irbaataa kanarratti keessummoota 1000 affeeruuf karoorfameera.

Keessummoonni jedhaman hundi argamanii maallaqni heedame hundi sassaabama taanaan, qarshiin Itoophiyaa Birrii biiliyoona 5 tahu ni sassaabama jechuudha.

Kunis Birrii biilyoona 29 piroojektichi fixa jedhame keessaa harka 17 ta'a jechuudha.

Faayidaa maal irraa argattu?

Hamma jedhame kana baastanii irbaata kana nyaattu taanaan, faayidaalees argattu.

Faayidaawwan invastimantiin kun argamsiisu keessaa inni tokko, maqaan keessan daandii piroojektii km 56 dheeratu kana gubbaa barreeffama.

Beeksisa irbaatichaa

Ka biroon ammoo carraa suuraa MM Abiy Ahimad waliin kophaatti kahuu kan argattan yommuu tahu, suuraan keessanis albama namoota Finfinnee jijjiiran jedhamu keessa gala/maxxanfama.

Kaayyoo piroojektichaa

Projektiin waggaa sadiitti xumurama jedhame kun, laggeen magaalaa Finfinnee isaan gurguddaa lama kan walumaagalatti kiloomeetira 56 ta'u dheeratan irratti hojjetama.

Karoora piroojektichaa

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Tilmaamni baasii proojektichaas birrii biiliyoona 29

Qarqara laggeeni misoomsuun tuurizimii magaalaa keessaa guddisuun carraa hojii uumuun galmawwan projeektichaa keessaa muraasa.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Proojektichi rakkoo lolaa jiraattota mudatu hir'isuun dabalataan hawwii biyyatiin misooma diinagdee magariisaa ijaaruuf qabdu akka milkeessuu abdatama.

Piroojektiin dhalootaaf darba jedhame kunis Inxooxxoodhaa hanga Aqaaqiitti fulla'u ta'a.