Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UKtti Waldaaleen Kiristaanaa kanaan booda tajaajilawwan Dilbataa hin qabaatan
Tajaajilli Dilbataa waldaaleen Kiristaanaaf kanaan booda dirqama miti.
Waldaan Kiristaanaa Ingilaand (Church of England) seera tajaajilawwan dirqamaan Dilbata irra akka ta'u murtaa'ee waggoota 400 hojii iirra ture jijjiiruuf har'a sagalee kennan.
Sinoodosiin Waliigalaa seera bara 1603 irraa kaasee hojiirra oolaa jiruufi luboonni waldaa amanaa gaggeessan keessatti tajaajila Dilbataa akka dhiyeessan gaafatu akka dhaabbatuuf sagalee kenneera.
Bishooppiin Willesden, kan jijjiirama kanaaf yaada dhiyeesse, waan kana "boodatti hafaadha" jedhe.
Kana malees Sinoodosiin Waliigalaa kun "piriinsipiloota tiksee /pastoral principles" ja'a haarawaa akkaataa ittiin warra fedhii saal-qunamtii saala walfakkaataa gidduufi kan biroo adda ta'e qaban LGBT jedhamuun beekaman keessummeessan foyyeessa jedhames beeksiseera.
Biishooppiin Willesden - kan ta'an Lubi Pete Broadbent Garee Dubbii Salphisuun adeemsa wWaldaa Kiristaanaa Ingilaandiin keessa jiru foyyeessuuf bara 2014 keessa hundaa'e dursaa turan.
Akka Lubi kun jedhanitti seericha jijjiiruun shaakalawwan luboonni yeroo ammaa waldaaleen kiristaanaa keessatti dura bu'ummaan gaggeessan kan agarsiisedha.