Dubartiin El Saalvaador mucaa du'aa dahumsasheetiif waggaa 30 itti murtaa'e gadhiifamte

Manni murtii biyyaa El Salvaador dubartii mana qulqullinaa keessatti mucaa du'aa dahusheetiif murtee waggaa 30 itti murteesse ture bilisa baasee.

Evelin Beyaatiriz Hernaandez Kiruuz, dubartii waggaa 20 yoo taatuu, yakka ajjeechaa itti murtaa'eef gara waggoota sadii mana hidhaatti dabarsitee turte.

Ol iyyannoo taasifteen manni murtii dhimmishee irra deebiin ilaaluun, tibba adeemsaa mana ishee jiraachu akka dandeessuuf gadhiifamte.

Ishee fi abbukaatoon ishee garuu garaatti baachuu ishee waan hinbarreeffuu yakki raawwatte akka hinture mormaa turan.

Garuu abbootiin seeraa tibba garaatti baattuutti waan kunkunsa dahumsaan duraaf hindeemneef yakkaan gaafatmu qabdi jedhanii turan.

Warreen mirga namootaaf mormaniif wayita mana hiidhaatii baatuuf nagaa gaafachuu, ''ati qofaa kee mitii' jechuun cimsaa turan.

Biyyi jiddu gala Ameerikaa tunis ulfa ofiirraa baasuu sababii kamiiniyyuu raawwatamu seeraan ala akka ta'eetti raggaasisuun, dubartoonni hedduunis sababii du'aan irraa bahuufi ulfa ofiirraa baasuun walqabatee hiidhaaf saaxilamaniiru.

Aadde Henaandez mandara xiqqoo bakka jireenyaa isheetti baatii Ebla keessa mucaa du'aan irraa bahee ture. Isaan boodas dhiignii baayyee waan yaa'eef of walaaltee ture.

Haati ishee BBC'tti akka himteetti, erga ishee wal'aansa yeroo arifachisaa argatteen booda poolisoonni hospitaala qaqqaban.

Isheen garuu dirqiidhaan waan gudeedamteefu garaatti baachuushee hinbarre jechuun mormaa turte. Abukaatoon ishee akka diriqiin gudeedamte himuuf baayyee sodaateeti sababiin namni ishee gudeede miseensa warra nama ajjeesanii turef jechuun mormaafi ture.

Ogeessonni yaalaas mucaan kan du'e garaa keessatti yaa ta'u ykn erga dhalatee, adda baafachu hindandeenye.

Isheen 'Ani mucaa kiyya ajjeessu hinbarbaadu,'' jechuun mana murtiitti himtee turte.

Abbaan alangaa garuu ulfa ta'u kiyyaa hinbarree isa isheen jette hin amanneen.

Dhaabbilee mirga namoomaaf mormaniif dubartoonni 20 ol ta'an haala walfakkaatuun himatamanii mana hidhaatti akka argaman himu.

Waggoota 10n darban keessattii sochii taasisaniin dubartoota gara 30 ta'an murteen ishaanii geeddaramee hiidhaadhaa akka bahan taasisaniiru.

Ammas dubartiin kunis abbaa alangaa biraatti dhiyaachuun akka gutuummaatti bilisa taatu akka abdatan dubbatu.

Dhaabbanni idil addunyaa Amnesty International biyyi El Saalvaador biyya dubartootaaf baayyee cimtu taatedha jedheera.