Islooveniyaa: Miseensi paarlaamaa nyaata saandiwichii Suuppar Maarkeetiidhaa hate hojii gadhiise

Miseensi Mana Maree Islooveniyaa saandiwichii dukkaana guddaa (Super Market) magaalaa Lubjaanaa keessaa hate hojii isaa gadhiisuuf dirqameera.

Daarij Kiraajich miidiyaaleef yaada isaa akka kennetti ''akkuma qilleensaatti ilaalamuukoof nan gadda'' jedhe. Eegdota suuppermaarketii sanaa qoruuf jechan kana taasises jedhe.

Hanni sun dura beekamuu baatus deebi'ee kaffaluuf dhaqee ture jedhe miseensi paartii Marjan Sarec List (LMS] jedhamuu Daarij.

Booda gochaa akkasii hawwasa keessatti yaaluu koof dhiifama naaf godhaa jechuun gaafateera.

Oduun kunis erga inni waan tahe kana wayillan isaa miseensota paarlaamaa tahaniitti himu gara ummataatti bahe.

Televizhinii dhuunfaa POP jedhamutti akka himetti yoo xiqqaate daqiiaa sadii kan tahu bakka kaffaltiin raawwatamu dhaqee dhaabbachuun qaba ture jedhe.

Hojjettotni suupper maarkeetichaa sadii osoo waliin odeessanii akka inni fudhatee bahe hin argine ture.

''Namni ana waliin dhufes tahe natti iyye hin jiru'' jedhe miseensi paarlaamaa kun. Isaanis viidiyoo icciitiin waraabu irratti akka malee akka hundaa'u jedhan.

Hiriyyoonni isaa miseensa paarlaamaa tahan jalqaba itti baacuun booda garuu dursaan paartichaa Birane Golubovic jedhamu kun gochaa fudhatama hin qabnedha jechuun balaaleffate.

Akkaataa naamusa paartii isaanitiin ofumasaa itti gaafatama fudhachuun hojii isaa gadhiisuu isaa jechuun miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Obbo Daarij ji'a Fulbaanaa keessa kan filatame yoo tahu paartiin isaa kan Ministira Muummee Marjan Saarek irraa filatamee fi miiltoo jalqabaa tokkummaa paartilee biyya bulchaa jiraniiti.