Abdurehim Heyit mana hidhaa Chaayinaa keessa lubbuun jiraachuu viidiyoon bahe agarsiisa

Madda suuraa, CRI
Miidiyaan mootummaa Chaayinaa weellisaa mana hidhaatti du'eera jedhame akka lubbuun jiru viidiyoo agarsiisu baase.
Viidiyoon kaleessa bahe weellisaa Abdurehim Heyit akka lubbuun jiru fi fayyaa gaarii irratti argamu agarsiisa.
Weellisaan kun gosa musiliimota Turkii Uighurs jedhamanii fi Chaayinaa keessaa jiraataniiti.
Dhugummaan viidiyoo agarsiifamee ammas gaafatamaa jira. Chaayinaan musiliimota harka xiqqaa biyya ishee keessa jiraatan ni dararti jedhamuun himatamti.
Turkiin illee kaampii hidhaa Chaayinaan musiliimota itti guurtee hiitu akka cuftuuf gaafattee turte. Musiliimotni Chaayinaa keessa jiraatan [Uighurs] jedhaman miiliyoona tokko tahan mana hidhaa akka jiran himama.
Nuurii Turkel Dura Taa'aan Pirojektii Falmaa Mirga Namoomaa Ameerikaa jiruu, qabiyyeen viidiyoo mul'atee gariin isaa kan nama shakkisiisudha jedhe.
Gosti musilimotaa kunneen Kaaba Lixa Chaayinaa kan jiraatan yoo tahu afaan Turkii kannen dubbatanidha.
Yeroo dhiyootiin asittis gara Turkiitti kan baqataa jiran yoo tahu hordoffii qondaalota mootummaa Chaayinaa cimaa jala jiru.
Weellisaan kun viidiyoo mul'ate irratti osoo balleessaa seera biyyittii cabsiteetta jedhamuun himatameef qoratamuu mul'ate.
Ministerri Haajaa Alaa Turkii Hami Aksoy ammoo gosootni Uighurs hidhamanii jiran kaampii keessatti dararamaa jiru jedhan.
Chaayinaan jaarraa 21ffaa keessatti kaampii babal'isuun tooftaadhaan gosoota musilimota Turki ofitti dabaluun ishee waan gaddisiisaa dha jedha.
Barreessaan Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii Antoniyoo Gutires miidhaa akkanaa kana dhaabuuf tarkaanfii fudhachuu qabas jedhan.














