Lammiin Chaayinaa 'leenjii waraanaa seeraan alaa' osoo kennuu Zaambiyaatti qabame

Madda suuraa, Zambia Police
Polisiiin Zaambiyaa lammiilee Chaayinaa lama leenjii waraanaa seeraan alaa, miseensota dhaabbata tikaa biyyattii keessatti argamuuf kennaa jiran jedhe to'annoo jala oolcheera.
Tokko gaafa Sambataa wayita qabamu, kaan ammoo Dilbata magaalaa tuuristiin itti hedduummatan Livingstone jedhamutti qaban.
Walumaagalatti lammiilee Zaambiyaa dabalatee, namoonni 11 to'annoo jala ooluu poolisiin dubbateera.
Daayireektarri dhaabbata eegumsa nageenyaa Alert Safety Security jedhamu magaalaa Livingstone keessatti toa'nnoo jala ooluus, Komishinarri Poolisii Kutaa Biyyaa Kibbaa Boonii Kaappesoo ibsaniru.

Madda suuraa, Zambia Police
Kana malees qawwee, shigguuxii fi rasaasallee akka waliin qaban komishinarri kun beeksisaniiru.
Dhaabbati nagaa eegsisu kuniifi shakkamtoonni kunniin haga yoonaa himannaa kanarratti hin dubbanne.










