Filannoo Naayijeeriyaa: Guyyaa filannoo jaha dursuun waajirri filannoo Naayijeeriyaa gubate

Madda suuraa, INEC
Filannoo pirezidaantummaa waliigalaa Naayijeriyaan gaggeesitu guyyaa jaha dursuun waajjirri komishinii Filannoo biyyittii gubate.
Naannoo Pilaatoo keessatti abiddi ka'e meeshaalee filannoof barbaachisan hundaa kan akka sanduuqa sagalee fi waraqaa filannoo gubeera.
Dubbii himaan komishinichaa qophii filannichaaf gufuu guddaa tahuu himee, amma eenyu akka dhaqqabsiise shakkii qaban ibsuuf yeroosaa miti jedhan.
Filannoon waliigalaa Naayijeeriyaa sanbata dhufu gaggeefama.
Dilbata kaleessaa pirezidaanti Buhaariin sagaleen filannichaa akka hin burjaajjeffamneef akeekkachiisanii ture.
''Komishiniin dhimma yakka dinagdee fi Faayinaansii maallaqni seeraan alaa sagalee filannoo bitachuuf qophaa'uu akka hin oolle akeekkachiisera'' jechuun gaazexaa Pulse jedhamutti himaniiru.
Buhaariin yeroo lammaffaaf filatamuuf jecha qophiitti kan jiran yoo tahu filannichaaf namootni miiliyoona 84 galmaa'aniiru.
Ministeerri Muummee Itoophiyaa duraanii Obbo Haayilemaariyaam Dassaaleny filannicha irratti taajjabdummaan ni argamu jedhamee eegama.
Kaadhimamtootni pirezidaantummaaf dorgoman baay'een jiraatanis morkataan Buhaarii cimaan itti aanaa pirezidaantii duraanii Atiikuu Abubakaridha jedhan xiinxaltootni.














