Filannoo Naayijeeriyaa : Akkamiin 'godfatherism' filannoo Naayijeeriyaa 2019 irratti dhiibbaa fidu

'godfathers' kan jedhaman Naayijeeriyaa keessatti ofii isaanii taayitaa qabachuuf hin dorgoman garuu kadhimamaa mo'atuu fi mo'amu murteessuu danda'u jedhamuun beekamu.
Duulli filannoo Guraandhala 16'f haala gaariin gaggeefamaa jira. Haa tahu malee namootni moggaasa 'godfathers' jedhamu argatan kunneen dhiibbaa gurguddaa fidu jedhamu.
Namootni kunneen warreen siyaasa Naayijeeriyaa maallaqaan deeggaran yoo tahan namni isaan barbaadan akka mo'atu kannen taasisanidha.
Nama akka aangoo qabatu barbaadaniif maallaqa guddaa ramaduun akka inni mo'atu taasisu.
'godsons' kanneen jedhaman kaadhimamtoota siyaasaa yoo tahan muuxannoo fi dandeettii siyaasaa isaan qabaniin kan filataman osoo hin taane deebisanii kaffaluu fi 'godfather' isaanii deebisanii sooromsuu danda'uu isaaniitu ilaalama.
Waliigalteen kun ''godfatherism'' jedhamuun akka moggaafame Yuunivarsiitii Leegoositti barsiisaan saayinsii siyaasaa Dr Dele Ashiruu ni himu.
Haalli kun namni beekamtii siyaasaa guddaa qabu tokko 'godson' kaadhimamaa ta'ee filannootti yeroo of dhiyeessudha.
'godfather' ammoo waan danda'u hundaa raawwachuun namni kaadhimame sun akka taayitaa qabatu taasisa.
''Namni kana raawwatu garuu nama siyaasaan beekamtii guddaa qabu, kan taayitaa irra ture, ykn jiru tahuu qaba'' jedhu.
Yeroo 'godfatherism' gaggeefamu
Kibba Naannoo Akiwaa Iboom, naannoo boba'aan badhaatuu taatetti namoonni baayeen 'godfather' nama miseensa seeneetii tahe Godswill Akpabio jedhamudha jechuun amanu.

Bulchaan annichaa duraanii ammas siyaasa naannichaa keessatti dhiibbaa guddaa qaba.
Ji'a shan dura gara paartii All Progressives Congress (APC) jedhamutti makamuun isaa erga sirni Dimokiraasii biyyichatti bara 1999 jalqabee as paartichi Naannoo Akwa Ibomkeessatti mo'achuu danda'a abdii jedhu kenneera.
Deeggartootni paartii APC yoo xiqqaate sagalee 300,000 ol paartichaaf dabalataan fiduu danda'a jedhanii amanu.
Haa tahu malee Akpaabiyoon ''ani nama mootii muudu miti'' jedhee ''kanan ani hojii 'godfatherism' hojjedhe yeroo bulchaan Akwa Iboom bara 2015 filatamedha'' jedhe.

Naannoolee akka Kaanoo hordoftootni amantaa Islaamaa itti baay'atu keessatti ammoo 'godson' osoo hin taane sagalee guddaa kan argatetu mo'ata.












