Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexessitoonni BBC Yugaandaatti hidhaa keessa turan gadhiifaman
Polisiin Yugaandaa garee gaazexessitoota BBC magaalaa guddittii biyyattii Kaampaalaa keessatti to'annoo jala olche, wabiin gadhiifamaniiru.
Gaazexessitoonni kunneenis osoo haala daldala qorichoota seeraan alaa mootummaan gaggeessu osoo qarataa jiranuu alkan Roobii ture kan to'annaa jala kan olfaman.
Dubbi hiimaan motummaa Yugaandaa garee gaazexessitootaa kunneen atatamaan akka gadhiifaman akka barbaadu, dhaabbanni oduu Reuters beeksise.
BBCnis gama isaatiin ibsa baaseen akka mul'iseetti, qondaaltoota mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin haalicha irratti mar'ataa fi haalicha hiikuuf hojjataa jiraachuu beeksiseera.
"Sababii maaliif polisiin gaazexessitoota kanneen to'annoo jala waan galcheef naaf hingallee. Akka ilaalcha kiyyaatti gaazexessitoonni kunneen rakkina sirnicha keessa jiru akka hiikamuuf motummaa gargaaruufiidha,'' jechuun ture dubbii himaan mootummaa Ofwono Opondo Royitariisitti kan himan.
''Haalduree tokko malees hiikamuu qabaatu,'' jedheera.