MM Abiy Ahimad: 'Meeshaan waraanaa Itoophiyaa keessa jiru, lakkoofsa uummataa caala'

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Paarlaamaatti argamuun dhimmoota garagaraa irratti bakka bu'oota uummataarraa gaaffii dhiyaateef deebii kennaniiru.

Walitti bu'insa iddoowwan garagaraa keessatti ka'aniin walqabatee lakkoofsi buqqaatotaa daran dabaluu, akkasumas daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa fi waahee paartilee siyaasaa biyya alaatii galaniirratti gaaffii gaafatamaniif deebii kennaniiru.

Buqqa'uu lammiilee

Gaaffilee irra deddeebiin ka'an keessaa gaaffiin buqqa'insaa isa ijoo ture.

Namoota biyyattii keessaa iddoo garagaraarraa buqqaasuun heera biyyattiin kan walfaalleessudha kan jedhan MM Abiy, lammiilee qe'eesaaniirraa buqqa'an keessaa baayyeen qe'eesaanitti deebi'aniiru jedhaniiru.

Kanneen hin deebineef ammoo koreen kana qoratu hundaa'ee hordofaa akka jirus himaniiru.

Hojii waldhabdeewwan erga uumamanii booda hojjechuurra, hojiin galteewwan waldhabdeef sababa tahan dursanii dhaamsuutu dursuu qaba jechuun miseensota paarlaamaaf ibsaniiru.

''Naannoon daangaadha. Walabummaa kan qabu biyyadha. Naannoon tokko walabummaa qabaachuu hin danda'u.

Lammiin Itoophiyaa tahe kamuu biyyattii keessa socho'ee dalaguu danda'a,'' jechuun ibsan.

Paartilee biyya alaatii galan

Gaaffii waahee paartilee siyaasaa hidhatanii gaafatamaniif, ''gaafa dubbii koo isa jalqabaa taasisu, sirna demookraasii biyyattii keessatti ijaaruuf, mootummaan garaa ballachuu qaba jedhee haasa'een ture,'' jedhanii miseensota yaadachiisan.

Waamicha taasifameen paartileen siyaasaa waggoota 40 ol biyyaa bahanii turan, paartileen 20 biyyattii deebi'uusaanii dubbataniiru.

Kanaanis, ''paartiin biyya alaa taahee nu mormu tokkollee hinjiru.

Waamichi waamicha nageenyaati waan taheef, deebi'uusaanii akka injiffannootti fudhanna,'' jedhan.

Paartilee siyaasaa 'kophee lamaan taphachuu barbaadan' jedhaniis akeekkachiisaniiru.

Paartiilee biyya alaatii galaniifis ergaa dabarasaniiru. ''Yeroo hin qabdan. Uummata waliin walbaraa. Kora gaggeessaa, asxaa filadhaa, akka paartiittis galmaa'aa,'' jedhaniiru.

Rakkoo dhaabbilee barnootaa olaanoo ilaalchisee

Dargaggoonni ajandaa siyaasaa hojiirra oolchuuf jecha lubbuu isaanii aarsaa gochuunsaanii kan baayyee gaddisiisuufi fokkisaadhas jedhaniiru.

Walitti bu'insa barattootaa dhaabbilee barnootaa olaanoo keessaa ilaalchisee, ''barataan yaada burqisiisee, yaadaan walitti bu'uutu barbaachisa malee, dhagaa fi dhagaa walitti buusee ibidda uumuuf mana barnootaa dhaquun isa hin barbaachisu,'' jedhan.

Ibsaa Guutamaanfaa mooticha Haayilasillaasee fuuldura dhiyaachuun 'Eenyu Itiyoophiyaawwiin?' gaaffii jedhu dhiyeessaniiru.

Kontiroobaandii

Kontiroobaandii ykn daddabarsi meeshaalee waraanaa fi maallaqaa seeraan alaa ilaalchisees, kontroobaandiin biyyattii keessa waan haaraa miti jedhan.

''Meeshaan waraanaa Itoophiyaa keessa jiru, lakkoofsa uummataa biyyattii caala,'' jedhaniiru.

Kanaafis sababoota gurguddoo sadii kaasaniiru. Inni jalqabaa akkuma daldala kaanii galii argachuuf wayita tahu, inni lammataa ammoo qonnaan bultoonni maatii fi qe'eesaanii eeguuf kan bitanidha.

Inni sadaffaan ammoo humnoonni biyyattii keessa jeequmsa uumuuf kaayyeeffatan sochii kana daran hammeessaniiru jedhan.

Namoota to'annoo jala hin oolle

Namoota seeraan barbaadaman to'annoo jala oolchuun maaliif dadhabame? Naannoleen hoo yakkamtoota dabarsinee hin kenninu jechuuf aangoo qabuu? gaaffiin jedhu miseensota paarlaamaarraa ka'eera.

''Itoophiyaa keessa yakka dalagee, mootummaanis kana labsee namni hin qabamne tokkollee hinjiru. Garaagarummaan isaa mana hidhaa keenya keessaa fi mana hidhaa ofiisaa keessa hidhamee jira kan jedhudh,'' wayita jedhan miseensonni paarlaamaan kolfaniiru.

''Naannoleen hundi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf tattaaffii cimaa godhaa jiru,'' jedhan.

Kanneen shakkamanii to'annoo jala oolanii fi himatamtoota ilaalchisees, ''waajirri keenya to'annoo tasaa manneen hidhaatti taasiseera. Namoonni manneen hidhaa keenya keessa jiran ispoortii hojjetu, ni dubbisu, ni barreessu, maatiinis dhufe isaan gaafata. Kanneen manneen hidhaa dhuunfaa keessa jiran kana godhu jedhee hin amanu,''' jedhaniiru.

Lubbuu namaa baasanii fi samanii seera jalaa baqachuun hin danda'amu jedhanii, ''Bitaanis tahe mirgaan murteen jira,'' jedhaniiru.