Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masriin bataskaana guddicha Gidduu-Gala Bahaa naannoo Kaayirootti bante
Pireezidantiin biyyattii Abduul Fattaah Al-siisiin boombii naannichatti dhuka'e guyyaa tokko booda, bataskaana Kaatedaraalaa guddicha bulchiinsa magaalaa haaraa baha Kaayirootti argamutti baname eebbisaniiru.
Bataskaanni haaraa baname kun kabaja ayyaana jala bultii dhalachuu Yasuus Kiristoos Dilbata kaleessaa eegumsa nageenyaa guddaatiin kabajeera.
Gaafa Sanbataa, magaalaa Naasiritti poolisiin meeshaa akka dhuka'uuf baaxii irratti dhoksame fashaleessuuf otoo yaalu du'e.
Hordooftoonni amantaa Ortodoksii kooptikii uummata biyyattii amantaan Musliimaa itti baay'atu keessaa harka 10 qabatu.
Namooti baayyeen mootummaan biyyattii ni looga, eegumsa gahaas hin taasisuufi jedhu.
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa mankaraaressitoota irraa eegumsa nan taasisaaf kan jedhan Al-siisiin bataskaanichi haaraafi masjiidni Al-Fattaah Al-Aleem yeroo wal-fakkaataatti banamuun ergaa takkummaa dabarsu jedhan.
''Nuti tokko gara fuulduraas tokko taanee fufna'' ergaa jedhu Muuslimootaafi Kiristaanotaaf dabarsan.
Phaaphaasiin Firaansiis, phaaphas Tewoodiroos lammaffaa Aleeksaandariyaa sirna amantaa halkanii batsakaanichaa gaggeessaniif nagaa dhaamaniiru.
Masjiidni haaraan Al-Fattaah Al-Aleem namoota dachaa bataskaanni kun qabatuu qabachuu danda'a. Bataskaanichifi Masjidichi magaalaa bulchiinsaa haaraa jala jirtutti ijaaraman.
Abbeentaan suuraa akkuma suuraa irratti eerame dha.