Hojiiwwan torba teeknoliijiin bakka namaa bu'e hojjetu

Suuraa namoota lamaa adiif gurraachaa kitaaba herregaa ilaalan

Madda suuraa, Getty Images

Hojiin kee nuffisiisaa fi waanuma wal fakkaataadhaa? Yoo akkas tahe si harkaa fudhatamuu iyyuu waan danda'uuf akkaaf yaaddofte jedha barreessan tokko.

Hojiiwwan yeroo hedduu hojjetmanii fi fuuldurattis eegaman hedduun waggoota shanii fi kudhan dura sirna herregaa ykn mathematical algorithim dhaan biyyoota guddatan keessatti hojjetaman.

Puugiliinoo namtichi jedhamu barreessaa kitaabota walitti fufan waa'ee teeknoloojii haasa'anii yoo tahu kitaabota ''Roobootonni dhufaa jiru'' fi A Human's Survival Guide to Profiting in the Age of Automation" jedhamaniin beekama.

Roobooti yaalii baqaqsanii hodhuu irratti gargaaru.

Madda suuraa, VCG

Akka barreessaa kanaatti ogummaawwan ykn hojiiwwan namootaa fuulduratti teeknooloojiin nama harkaa fudhachuu danda'u jedhu adda baasee kaa'a.

Isaan keessaa ogummaaawwan ogeessota ciciimoo barbaadan hanga ammaatti namaan hojjetaman kan akka seeraa fi medikaalaa keessatti argamu.

Barreessaan kun hojiin dokterootaa fi ogeessota seeraa baduu hin danda'u jedhee dhamaatiin garuu irraa hir'ateera jedhan.

Akka yaada barreessaa kanaatti ogummaawwan torba teeknoloojiidhaan bakka bu'uu kan danda'an yoo tahu kaan ammoo dhiibbaa kana irraa hafuu danda'u jedha.

Doctors

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessonni walii galaa fuulduratti dhiibbaa teeknoloojii keessa galu.

1. Dookteroota

Adunyaa irratti ammayyuu dookteroonni haalaan barbaadamu. Garuu sakatta'insi dhukkuboota tokko tokkoo fooyya'insa teeknloojiidhaan harka hakiimotaadhaa bahaa jira jedha Pugiliinoon.

Haa tahu malee barbaachi dookteroota kutaa tajaajila saffisaa fi ispeeshaalistootaa itti fufa jechuun barreessa.2. Ogeessota seeraa

Fuulduratti namootni guyya guyyaan dokimantii galmaa'e galagalchuun hojjetanii fi muraasa qofatu barbaachisa jedha Pugiliinoon.

Hojiiwwan seeraa muuxannoo xixixqqaa barbaadanii fuulduratti teeknoliijiidhaan bakka bu'uu isaanii nan amana jedha.

Ogeessa arkitektii hojiirra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojiin kalaqaa qofti fuulduratti ogummaa arkitektii keessatti hafa

3. Arkitektoota

Diizzaayiniin gamoowwan xixiqqaa fi gidduu galeessaa ammayyuu sooftiweeriidhaan hojjetamaa jira.

Hojii biizinasii kana keessatti ogeessotni arkitektii hafuu danda'an namoota kalaqaa gurguddaa qabaniifi hojii aartii cimaa hojjechuudanda'an qofadha jechuun barreessa.

4. Akaawuntaatota ykn hojiiwwan herregaa

Namootni hojii wal xaxaa hiikuu hojjechuu danda'an ni oolu. warri hojii sasalphaa hojjetan garuu gabaa irratti waan barbadaman miti jedha.

5. Paayileetota xiyyaara waraanaa

Bakkeewwan rakkisoo fi sodaachisoo tahanitti xiyyarotni xixiqqaan nama malee balali'an Unmanned aerial vehicles (UAV) ykn diroonii jedhaman paayileetota bakka bu'anii jiru.

Waraana keesssattis itti fufinsaan hojiirra kan oolan taha.

Kaameeraawwan icciitii

Madda suuraa, Getty Images

6. Poolisii fi meeshaalee sakatta'insaa

Poolisoonni guyya guyyaan sakkatta'insaa [surveillance] fi qorannoo saslphaa irratti teeknloojiidhaan bakka buufamaa jiru.

Hojiiwwan kunnen baduu baatanis gabaa irratti barbaachi isaan qaban garuu gadi bu'aa adeema.

7. Bakka buutota Riil isteetii

Gurgurtaa keessatti weebsaayitootni ykn marsariitiin namoota bitanii fi gurguran walitti fiduun bu'aa faddaalota duraanii fudhachaa jira.

Hojiin manaajeroota gidduugaleessaa teknoloojiidhaan bakka bu'aa waan jiruuf yaaddoo keessa jiru.

Koodiiwwan icciitii kompiitera irraa

Madda suuraa, Getty Images

Ogummaawwan akkamiitu teeknoloojiidhaan uumamuu danda?

Barreessaan kun bakka tokko tokkotti barbaachi humna namaa yommuu gadi bu'u warra kaaniif ammoo carraa guddinaa bal'aa umma jedha.

Fuuldurattis kalqxootaa artificial intelligence systems, injiineroota dandeettii siistemoota kanneen suphuu qabanii fi gama kompiiteraan hirmaataniif carraa hojii guddaa uuma jedha.