Roobootiin wantoota galaana jala jiraniif eegumsa gootu kalaqamte

Roobootiin kun akaakuu qurxummiitiin jeeliifiishii jedhamu waliin walfakkaatti

Madda suuraa, Florida Atlantic University

Ibsa waa'ee suuraa, Roobootiin kun akaakuu qurxummiitiin jeeliifiishii jedhamu waliin walfakkaatti

Gurmuun roobootii jeeliifiish uumamaa dabalateefi wantoota naannoo galaana jala jiran salphaatti manca'uu danda'u jedhamaniif akka eegumsa taasisaniif tolfameera jedhame.

Roobootiin bifa dirooniitiin Yunvarsiitii Filooriidaa Atilaantikiitiin tolfame kun ujummoo geengoon hojjetameen gara galaaana jalaatti ergama.

Roobootiin kun osoo hin miidhamiin walitti galchuudhaan karaa ulaa dhiphaa ta'een dabarsuun ni danda'ama.

Ogeessi tokko bifa isaan ittiin hojjetaman jajanii garuu jeeliifiishiin nam-tolchee kun qocaadhaan nyaatamuu malti jechuudhaan akeekkachiiseera.

Akkataa roobootiin kun ittiin bocame bifa naannoo irraan dhiibbaa hin geessifneen akka ta'e dubbata Prof. Erik Engeberg, Yunvarsiitii Filooriidaa Atilaantik irraa.

Roobootiin kun walitta galuudhaan ujummoo keessa dabarsuun ni danda'ama

Madda suuraa, Florida Atlantic University

Ibsa waa'ee suuraa, Roobootiin kun walitta galuudhaan ujummoo keessa dabarsuun ni danda'ama

Sochoosuudhaaf, roobootonni kunneen ujummoo silikan raaberiirraa hojjetame qilleensaan guutame sadetti fayyadamu.

Bishaan ujumoo sanatti yaa'uun guutu, isaan booda erga cufamee booda irra deebiidhaan gara naannoo galaana jalaatti ergamu.

Roobootiin bifa jeeliifishii kun akka siin dhiibamtee deemuudhaan bololiiti.