Dagaaginni roobootii hojjettootaaf hiika maalii qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma roobootiiwwan kaanii, kunis kan dhufee Jaappaan irraa yoo ta'u, hammi isaas hanga maashinii footookooppii ga'a.
Sagalee akka konkolaataa haaraa fakkaatu baasuun, harka isaa hojii itti aanuuf qophaa'e olkaafachaa mana-kuusaa keessa naannawa.
Harka bitaatiin kaartoonii yoo saaqu, harka mirgaan ammoo qaruuraa keessaa baasa.
Garuu qaruuraa saanduqa keessaa baasuun inni kun roobootii jalqabaa ta'uu dhiisuu mala. Garuu, damee teknoloojii roobootiitiin nama bakka bu'uun haala salphaafi saffiisaan hojachuun kun tarkaanfii tokko adeemee jira.
Ammaan tanas ilmaan namaafi roobootiin waliigaluun meehssalee man-kuusaa keessa jiran sochoosaa jiru. Gara fuuda duraattis, roobootiiwwan namoota bakka bu'uun man-kusaa keessa hojachuu isaanii hinolu jedhama.

Madda suuraa, AFP
Warshaalee namniifi roobootiin waliin keessa hojjetanis jiru. Yeroo jalqabaafis warshaa konkolaataa Jeneraal Mootars jedhamu keessatti ture roobootiin harka tokko akka hojiin sibiilaa haala salphaatti akka raawwatamuuf hojachu kan eegale bara 1961tti ture.
Haa ta'u malees, hanga yeroo dhihootti, roobootiin hojii namootaa keessa baayinaan hingalle ture.
Kunis ammoo namoota roobootiirraa eeguufi namoonni roobootii akka hin dogogorsineef yaadameeti. Sababiin isaas roobootiin to'annoo guutuu jala ta'uun hojjechuu waan qabaniif.
Roobootiiwwan haarawa amma jiraniif garuu, kana booda wanti kun hin barbaachisu.

Madda suuraa, Alamy
Barmaata industiriiwwan iddoo dur turanitti deebisuu.
'Baakistar' roobootii dhaabbata 'Riitiink Roobootiiks' jedhamuun omishamee ture yoo ta'u, ijji kaartuunii itti tolchame namoonni garamitti deemaa akka jiru waan beekaniif akka walitti hin buune yookaan akka hin kufne isa dandeessisa ture.
Seenaa keessatti roobootiiwwan industrii keessa jiran sagantaa addaa barbaadu ture. Baakistar garuu hojjettootuma achi keessa jiran irraa ni barata ture.

Madda suuraa, Rethink Robotics
Baay'inni gurgurtaa roobootii industirii akka idil adduunyaatti %13 waggaa waggan dabalaa kan jiru yoo ta'u, 'dhaloonni' isaaniis waggaa shan shaniin harka lama guddachaa jira.
Humna namaa rakasa ta'e fayyadamuuf jecha industriiwwan gara biyyoota diinagdeen guddachuu jirutti geeffamaa turan. Amma garuu roobootiiwwan warshaalee sana gara turanitti deebisuuf shoora taphachaa jiru.
Dalagaawwan kan biroos ni raawwatu. Hoospitaala keessatti, dhugaatii buusuu fi kan biroos.
Haa ta'u malee hanga nuti eegnee turetti hojjechaa hin jiran.
Naannoo bara 1960 keessa roobootiiwwan hojii mana keessaa guutummaatti ni hojjetu jedhamee amanamaa ture. Achi ga'uuf garuu, ammallee fageenyarra waan jiru fakkaata.
Adeemsa roobootii ammayyeessuu keessatti hojiileen gurguddoon kan akka ija itti uumuu, miira qubaan tuquu fi madaala akka eegu gochuun hojjetamanii jiru.
Sammuu akka qabaatan gochuunis guddina hojii roobootii keessaa kan eeramu ta'us, bara 1950 irraa kaasee sammuu nam-tolchee akka qabaatan taasisuuf hojiin jalqabame reefuu firii mullisuun, dandeettii kan namaa fakkaatuun ga'uuf deemamaa jira.
Akka ofiin of fooyyessaniifis hojiiwwan herreegaa hedduun uumamaas jiru.
Namoonni hojii hin taane hojjechuufii?
Teeknooloojiin hojii duraan ture balleessuun kan biraa uumuunsaa waanuma jiru dha.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa kanatti hojiileen namoonni akka hojjetaniif hafaa jiran, kan kanaan dura hojjechaa turan irraa badaa ta'uu mala jechuun kan sodaatan ni jiru.
Sababni isaas ammoo teeknooloojiin hojii caalaa yaaduu irratti waan xiyyeeffachaa waan jiruuf fakkaata. Sammuun roobootiiwwanii ammoo qaama isaanii caalaa saffisaan fooyya'aa jira.
Barreessaan kitaaba beekamaa 'Rise of the robots'(babal'ina/guddina roobootii) Maartiin Foord akkas jedha.
''roobootiiwwan xiyyaaraa fi qooda daldalaa????? bakka daldalaa Wool Istiriit irratti buusuu ni malu. Haa ta'u malee mana fincaanii hin qulqulleessani.''

Madda suuraa, Lucas Systems
Kanaafuu, gara fuulduraatti roobootiiwwan akka hojii mana keessaa hojjetan eeguurra, kalaqa kan biraa manneen kuusaa keessatti hojiirra oolaa jiru fayyadamuun filannoo ta'uu mala: Jeeniifar Yuuniit jedhama.
Meeshaa koompiitaraan deeggaramuufii gurraatti kaawwatan yoo ta'u, namoonni maal hojjechuu akka qaban itti hima. Wantoota xixiqqoollee osoo hin hambisin. Dogogora miiltoowwan hojiin uumamus ni hambisa.
Yoo roobootiin sammuu namaa caale, namoonni ammoo meeshaa duulaba irraa kaasuun yoo roobootiirra fooyya'an, maliif qaama namaa sammuu roobootiin hin to'anne?
Filannoo hojii hin jaallanne ta'uu mala garuu, dhugaa jiru haquun hin dand'amu.












