Roobootiiwwan naamusa barsiisuu dandeenyaa?

Roobootiiwwan naamusa qaban

Madda suuraa, Getty Images

Roobootiiwwan ykn maashinoonni nam-tolchee ta'an yammuu ofiin murtee taasisan arguun kan baramee miti. Garuu dhimmi abjuu fakkaatu kun yeroon itti dhugaa ta'u baayyee fagoo miti jedhu qorattoonni.

Haa ta'u malee, maashiniin attamiin itti yaaduun murtee kennu danda'a?

Gaazexxeessaan BBC Deeviid Edimoondiis, Dr. Emii Riimar waliin konkolaataan adeemaa ture, Dr Emiin akka tasaa iskiriinii konkoolaataa isaa tuqxe.

Isaan boodas konkolaataan nama oofu tokko malee deemuu jalqabe. Ibsaa tiraafikaa irra erga takka dhaabbateen boodas, geengoo naannawuun bakka tokko barbaade dhaabbate.

Deeviid konkoolaataa namni oofu keessa hinjirreen deemuun daqiiqawwan muraasa duraatiif baay'ee sodaachisaa ture jedha.

Haa ta'u malee, konkolaatichi waan hundumaa haala tasgabbaa'een raawwachu isaa yoon argu sodaan na gadhiise jedha.

Qorattuun Yuunivarsiitii Kaambiriij Dr Emii Jaaguwaar, 29, qorannoo Kaampaaniin raand roovar konkolaataa nama malee deeman oomishuuf taasisuu keessatti maandiisa mummee ta'uun hojjataa jirti.

Akka ibsa Dr tanaatti waggoota 10 keessatti konkoolaataa nama malee deeman arguun haaraa namatti hin ta'u.

Haalli kun hojiirra akka ooluuf ammoo dhimmoonni mekaanikaa baay'een hiikamu qabaatu. Hunda caalaa yaaddessaa kan ta'e ammoo maashinicha naamusa barsiisuu dha.

Gara fuuldaurratti konkolaataan nama oofu malee deeman hojiirra yoo oolanitti, garamitti deemuu akka qabaatan, attamiin balaa hir'isuu ykn hambisuu akka danda'an yaaduun murtee kennuutu irra jiraata.

Malli dhimmoota kanaafi kanneen biraa gadi fageenyaan qorachu dandeessisuu ' Maashinii Sarniig' yaad-rimee maashinoota barsiisu barbaachisaa dha.

Suuzaan Andarsan beektuu falaasamaa yoo taatuu, abbaan warraa ishee Maayik Andarsan ammoo ogeessa kompiitaraati.

Isaan akka amananiitti maashinoota naamusa barsiisuuf, malli muummeen roobootoonni sagantaa fee'ameef hojiirra akka oolchan dandeessisuu dha.

'Fakkeenyaaf roobootoonni Keerbootis jedhaman namoota dhukkubsataniifi dullooman gargaaruuf kan omishamanii dha.

Roobootoonni kunneenis gara fuuladuraatti sadarkaa yaaduun murte itti kennan irra gahuun isaanii hin oolu. TV banuufi nyaata dhiyeessuutiin alattis, hoji biroo hojjachuu eegaluun isaanii hin oolu.

Suuzaaniifi Maayik akka jedhanitti, roobotoonni attamiin haala irratti hundaa'uun murte akka taasisan irratti irra deebiin yoo barsiifaman, sadarkaa namootaan olitti murtee taasisan irra gahu ni danda'u.

''Siriiyyuu sadarkaa murtee naamuusaan itti kennan irra gahu akka danda'an nan aman,'' jetti Suuzaan.

Roobootiiwwan naamuusa qaban

Madda suuraa, Getty Images

Kanas yoo ta'e garuu, yaadni-rimee maashinoota barsiisu jedhu kunis rakkina mataasaa qabatee dhufuunsaa hin oolu.

Tokkooffaan maashinoonni waan dogoggooraa barachu danda'u. Gara fuladuraatti maashinoonni amala attamii baasuu akka danda'an yaaduu dadhabuun rakkina cimaa dha.

Akka qorattoonni jedhanitti dhimmi muummeen garuu roobootoonni amala fakkeessu agarsiisu yoo eegalan to'achuuf furtuun harkuma isaaniitti argama.

Roobootoota balleessaa qaqqabsiisan yakkamtoota jechuun himachuu dadhabuunis badiisa gahuuf numatu itti gaafatamtoota ta'a.

Waan gaariin garuu konkolaataan nama malee deemuu hin machaa'u, imaltootattis hin iyyu.

Waaggaatti namoonni biliyoona tokkoo olii balaa konkolaataatiin lubbuusaanii dhabu. Irra caalaanis balleessaa konkolaachisaa ykn kan imaltootaatiin.

Konkoolaataa nama malee deemuun balaa kana hir'isuun mataansaa injifannoo olaanaa dha.

Dr Emiin waa'ee konkolaataa nama maleetiin baay'ee gammaddee jirti. Lubbu baraaruu qofas osoo hintaane, faalama hir'isuufi daandiin akka konkolaataan wal hin xaxamnee fala gaariidha jetti.

Qorattoonni roobotiiwwan abbaa seeraa ta'uun murtee kennuus ni danda'u jedhu.

Pirofeesar Joon, Kolleejjii Kinjisi Landan irraa ammoo kun yaada hin taane kan walitti dhufeenya ilmaan namaa jidduu jiru miidhudha jechuun yaadicha kuffisu.

''Ilmi namaa haala jiru hubannoo keessa galchuun murtee sirrii kennuu yoo danda'u, murtee maashiinaan deeggarame jechuun maali?'' jechuun mormu.

Kanas ta'e sana roobootoonni hojii namootaa fudhachuun saanii waan hinolleefu, naamusa irratti xiyyeefannaa keennuun barbaachisa yaadni jedhu fudhatama argataa jira.