Samsung Galaxy S9 foyya'insa kaameraa irratti fuullefata
Omishni haarawaa Galaxy S9 fi irra guddeessi kan ta'e S9+ Kaameraa fooyya'aafi haalaan mijataa ta'e milkaa'ina guddaa Samsung, gama bilbila arkaan yeroo dhiyootti irra ga'edha.
Taateewwan barbaachisoo saffisaan darban saffisa ittiin darbaa jiru xiqqeessuun warabbachuu bifa dandeessisuun tolfameera. Kana malees, gosa leensii suura dimismisaa ykn ifa xiqqaa qabu foyyeessuu danda'uun hojjetame.
Gabaan Samsung bara 2017 keessa ol ka'us akka kan morkattoota isaa hedduu Chaayinaa keessa jiranii ariitiidhaan hin turre.
Ogeessonni dhiyeessi haarawaa kun waanuma xiqqoon akka ol guddifame dubbatu.
Kunimmoo S9 gabaaf dhiyeessuu keessatti rakkisaadha sababiin isaas dizaayiniin suuraa isaa S8 isa gabaarra jiru waliin hedduu walfakkaata. Fuula/iskiriinii irratti bakka duwwaa gararraafi gajjallaa jiru hanga toko xiqqeessuun bakki bal'aan ashaaraa qubaa miiressu jiraatu foyyeesseera.
S9+ xiqqoomqa tokko S8+ irra foyyaa'e.

Madda suuraa, Samsung
"Foyya'insi kun akka namoonni baayyee ariifatanii guddifatan ni taasisa jedhee hin yaadu," jechuun yaada kennu Firaansiskoo Jeronimoo, ogeessi xiinxalaa gabaa dhaabbata qorannoo IDC.
"Qulqullinni kaameraa maamiltoota hedduuf biraayivarii butachuudha, kanaaf Samsung [Google's] Pixel 2 caalaa kan foyyaa'e fakkaata."
"Caalaa qaroo ta'ee dhiyaata jedheen eegaa ture - fakkeenyaaf hojii hiikuu kallattii hojjechuuf ammallee kilaawodiirratti hundaa'a."
Faallaa kanaan garuu bilbilli haarawaa Huawei yeroo neetiwoorkiin hin jirrellee tekinooloojii rakasa ta'e gargaaramuun jechoota itti agarsiisan hiikuu danda'a.
Madda: IDC
Samsung omisha isaa kana jala bultii Kongireensii Addunyaa Mobaayilii Baarseloonatti gaggeefamurratti eebbisiisuuf jira.
Gatii inni S9 'tiif baases 849 euros ykn (£750; $1,047) yommuu ta'u S9+ tiif ammoo 949 euros (£838; $1,170); kunis kan durran ture S8 50 euros akka caaludha.
Foyya'insi S9 fide suuraawwan ifa xiqqaa qaban 12 walitti aansuun akka waantota suurarratti mullatan qulqulleessuun gargaara. S8 garuu suuraawan sadii kaasa ture.
Waanti S9 adda godhu humna viidiyoowwan rizoluushinii gurguddaa qaban mijeessee dabarsuu isaaati.

"Bilbiloota biroo waliin walbira qabuun yeroo ilaalamu Samsung waan fayyadu itti dabaluun kaameraa foyya'aniifi fuula mulli'su bal'aa waliin dhiyeesseera.
"Haa ta'u malee, kanneen waggoota lamaafi sadii dura ba'an ammallee akka gaariitti dhimma itti ba'amaa jira."
Xiinxala:

Rorii Sellaan-Joonsi, Gaabaasaa Tekinooloojiitiin
Addunyaa kana sochii suuta suutaan ykn bifa si'eessituu/animeeshinii 'emoojiitiin' kan si fakkatu arguun ammam nama hawwisiisa?
Galaxy S9 akka S8 bara darbe gabaarra oole irratti fo'ainsa itti dabaluun kan dhiyaatedha - fuulli/iskiriiniin xiqqoo ballateer, sagaleen guddateedabalee dhiyaateera.
Dhugaa dubbachuudhaaf, bilbiloonni akka 'Galaxy' kompiiter baayee gaarii tajaajila addaaf ooluun isaa itti fufee jirudha - moodeela haarawaa hojjechuun baayyota keessaa adda ta'anii mullachuun omishtoota hundaaf wallaansoodha.













