Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkataan Muktaar Rooboo filannoo Somaliyaatti gaggeefame mo'ate
Kaadhimamaan mootummaa Somaaliyaa irraa deeggarsa qabu filannoo pirezidaantummaa naannolee gaggeeffame injifate.
Mootummaan Somaaliyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu kaadhimamaa kanaaf deeggarsa gochaa tureera.
Duulli filannoo yeroo gaggeeffamaa ture ajajaan waraanaa Al-shabaab duraanii Muktaar Rooboo loltoota Itoophiyaa ergama Waraana Gamtaa Afrikaa [AMISOM] jala jiraniin to'annoo jala oolera.
Muktaar Rooboo ulaagaa filannichaan ala waan taheef osoo irratti hin hirmaatiin hafeera.
Ministirri Aannisaa duraanii Abdayaziz Hasan Mohaammad maqaa Laaftaa Gaarren jedhamuun beekamu pirezidantii Naannoo Kibba Lixaa tahuun filameera.
Filannoo kana irratti morkattootni afur kan dhiyaatan yoo tahu qondaalli mootummaa tokko karaa Televizhinii biyyaalessaa Somaaliyaa akka himanitti Abdayaziz Hasan sagalee 147 keessaa 101 argachuun injifatan.
Muktaar Rooboo bara darbe garee Jihaadistootaa keessaa ganee erga bahee booda qophii irra osoo jiruu yaaddoo nageenyaa taha jechuun torban darbe to'annoo jala oolfame.
Rooboon Moqadiishootti hidhamee jira. Kana hordofees Ba'adiyoo teessoo waraana Gamtaa Afrikaa keessatti hiriirri mormii daandii irratti gaggeefamee ture.
Ba'adiyoon magaalaa guddoo Naanoo Kibba Lixaa Somaaliyaati.