Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni turistoota Iskaandineviyaa lama Morookoo keessatti ajjeefamanii argaman
Dubartoonni turiistota Iskaandineeviyaa lama Morookoo gaarren Atilaas keessatti ajjeefamanii argamuu ministeerri dhimma biyya keessaa biyyattii himeera.
Morma isaaniirra madaan waan qara qabuun muramuu isaanii mul'isu jiras jedheera.
Reeffi isaanii kan argame gaarren Atilaas magaalaa Imliil jedhamtu dhiyootti, tulluu guddicha Kaaba Afriikaa kan ta'e tulluu Toobkal jalatti.
Dubartoonni lamaan biyyoota Denmaarkifi Norweey irraa akka ta'an himame maqaan adda hin baane.
Sababa du'a isaanii baruuf poolisiin qorannaa eegaleera jedha ibsi ministeera dhimma biyya keessaa.
Qonnatti aansuun Morokoo keessatti kan carraa hojii bal'aa lammileef uumee jiru Turizimiidha.