Dubartoonni turistoota Iskaandineviyaa lama Morookoo keessatti ajjeefamanii argaman

Gaarreen Atilaas Morokoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reeffi dubartoota lamaanii gaarren Atilaas keessatti argame

Dubartoonni turiistota Iskaandineeviyaa lama Morookoo gaarren Atilaas keessatti ajjeefamanii argamuu ministeerri dhimma biyya keessaa biyyattii himeera.

Morma isaaniirra madaan waan qara qabuun muramuu isaanii mul'isu jiras jedheera.

Reeffi isaanii kan argame gaarren Atilaas magaalaa Imliil jedhamtu dhiyootti, tulluu guddicha Kaaba Afriikaa kan ta'e tulluu Toobkal jalatti.

Dubartoonni lamaan biyyoota Denmaarkifi Norweey irraa akka ta'an himame maqaan adda hin baane.

Sababa du'a isaanii baruuf poolisiin qorannaa eegaleera jedha ibsi ministeera dhimma biyya keessaa.

Gaarren Atlaas

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon tulluu Toobkaal bakka turiistonni yeroo hedduu lafa dheeraa miilaan deemani.

Qonnatti aansuun Morokoo keessatti kan carraa hojii bal'aa lammileef uumee jiru Turizimiidha.