Morokootti nyaata argachuuf jecha walirra ejjatani 15 yoo du'an baay'een madaa'an

Dubartii miidhamte Siidi Buwulaalm keessaa

Madda suuraa, AFP

Morokoo keessatti wayita gargaarsi kennamaa jirutti namoonni walirra dhaabachuun namoonni 15 du'uun baay'ee madaa'aniiru.

Balaa kunis kan mudate magaalaa Sidi Bowulaalam mandara Essaa'uriyaatti keessatti ture. Gargaarsichis dhaabbata dhuunfaan kennamaa ture.

Gabaasni muraasnis namoonni hanga 40 ta'an akka madaa'an dubbatu. Midiyaaleen biyya keessaas miidhamtoon irra caalaan dubartootaafi maangudoota jedhaniiru.

Midiyaaleen hawaasaas reeffi dubartootaa lafarra cisanii agarsiisaniiru.

Ragaaleen bara kana keessa magaalaa Sowulaalam naannoo jiraattoonni kuma 8,000 ol jiraattanitti gargaarsi nyaataa lafa gabaatti waan kennamuuf namoota baayyeen akka hirmaatan taasisu midiyaa biyya keessatti akka himanitti himaniiru.

''Bara kana keessa namoota heduutuu jira, kumaatama hedduudha,'' ragaa bahaan maqaasaa hin himanmeef gaafate tokko dhaabbata oduu AFPtti himera.

''Namoonni waldhiibuun dallaa cabsan.'' Isaan miidhamanis gara hospitaala Maarakesheetti fudhatamaniirus jedheera.

Ministirri biyya keessaa Morokoo akka jedhanitti, Moorii Muhaammad VI qondaaltoonni biyyattii akka warreen miidhaman gargaaraniif ajajaniiru. Itti ida'uunis baasii waldhaansaafi awwaalchaa ofiisaatiin akka danda'u dubbateera.

Warraabbiin vidiyoo hinmirkanoofne tokkoos osoo gargaarsichi hinqaqabiin dura namoonni baayyeen lafa gabaatti walitti qabamuun eegachaa turuu agarsiiseera.

Waliirra dhaabachuu maal akka kakaasee wanti baramee hinjiru.