Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Haaromsaa: Hojiin elektiroo - mekaanikaalaa MetEC irraa fuudhamuun kaampaanota biroof kenname
Hojiin elektiroo mekaanikaalii ijaarsa hidha haaromsa guddichaa Itoophiyaa METEC irraa fuudhamuun kaampaanota haaraa biroof kennamuu hojii gaggeessaan pirojeektichaa Injiinar Kiflee Horroo BBC'tti himan.
Kaampaanotni haaraan hojiitti galan "ijaarsichi qaama biraan waan gaggeefamaa tureef sakatta'uun qulqullina isaa ilaalanii bakka rakkoo qabu irra deebi'uun sirreessu" jedhu injinar Kifleen.
Kanaan alatti diigamee ijaarama jedhamee waanti murtaa'e hin jiru jedhu.
Ijaarsi hidha haaromsa Itoophiyaa yeroo xumurama jedhame yaadamerraa harkifatus yeroo ammaa walumaagalaan 65% xumuramuu qondaalli kuni himaniiru.
Pirojeektichi bakka gurguddaa lamatti qoodamuun hojjetamaa jira. Kamapaaniin Xaaliyaanii Saaliniin hojii sivilii dhibbantaa 80'n gahu Injinar Kiflen dubbatu.
Haa ta'u malee, hojii elektiroo mekaanikaalaa kan hojjetaa ture Korporeeshiniin Sibiilaa fi Injinaringii (MetEC) garuu ''isa eegameen ol'' duubatti harkifateera jedhu.
Walumaa gala, ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa kun harkifachuu isaa irraa kan ka'e biyyattiin waggaatti doolaara miiliyoona 800 akka dhabdu taasisuus Ministeerri Bishaan, Jallisiii fi Inarjii beeksisera.
Maaliif harkifate?
Injiiner Kifleen, ''mootummaan gahumsa fi muuxannoo MetEC osoo madaalee adda hin baasiin pirojektii guddaa kana akka hojjetuuf itti kenne waan ta'ef hojiin elektiroo mekaanikaalaa Korporeeshinii Sibilaa fi Injinaringiin hojjetamu harkifateera jedhan.
Pirojeektii guddaan akka kanaa kaampaanota muuxannoo guddaa qabu jedhamanitti osoo kenname iyyuu yeroo jedhamee fi baajata baheen xumuree kennuun itti ulfaata.
''METEC ammoo hojii bishaan hidhuu irratti muuxannoo hin qabu. Kana irraa kan ka'e yeroo jedhamee fi baajata jalqaba qabameen fixuu hin dandeenye,'' jedhan.
Humna elektirikaa maddisiisuuf kan gargaaru hojiin tarbaayinii fi janaretaraa 25% qofa kan hojjetame yoo tahu ujuummoowwan gurguddoon yeroo barbaachisaa tahetti bishaan bananii gadhiisuu fi cufuuf gargaaru ammoo 13% qofa hojjetame jechuun himan.
Hojiin kun METEC'n gaggeefamaa kan ture yoo tahu sababa harkifannaa kanaan irraa fuudhamee kaampaanota alaa biroof kennamuu Injiiner Kifleen himaniiru.
Sababni biraan jedhu injiiner Kifleen, ''hojiin diizaayinii osoo hin xumuramiin gara hojiitti galame. Kunis dizaayinii hojii pirojeektichaaf kanneen barbaachisan kan akka daandii, mana hojjettootaafi kanneen biroo hojjechuutti galame.
Kana gidduutti ''hallayyaa guddaan yommuu isaan mudatu sana darbanii bishaan jallisuu hin dandeenye. Kun ammoo akka waggootni sadii boodatti harkifatan taasiseera,'' jedhan injiiner Kifleen.
Tarkaanfii fudhatame
Gaaffii kana injiiner Kifleen, ''mootummaan haalota kanneen erga madaalee MetEC harkaa fuudhee hojichi akka hin dhaabbanneef kaampaanota biyya biroo haaraa tahaniif kenneera''.
Kaampaanotni biyya Faransaay MetEC waliin hojjechaa turan muuxannoo guddaa kan qaban waliin marii irra kan jiran yoo tahu waliigalteedhumaan amma hojiitti seenaa jiru jedhan.''
Beenyaa Saaliniin gaafate
Hojii siivilii hidha guddichaa gaggeessaa kan ture kaampaaniin Saaliinii yeroo jedhame keessatti pirojeektichi waan hin xumuramiiniif kasaaraaf saaxilamaa waanan jiruuf mootummaan baasii koo naaf kaffaluu qaba jechuun gaaffii dhiyeessee ture.
Haa tahu malee hojii gaggeessichi Kaampaaniin Saaliinii ofuma isaan diizaayinii pirojektichaa qoratee akka dhiyyeesse himan.
Kanaaf kaampaanichi diizaayinichi rakkoo hin qabu jechuun itti gaafatamummaa isaa fudhatee waan dhiyeesse, booda garuu sababa rakkoo diizaayiniin waggootni sadii akka boodatti harkifatu taheera jedhan injiiner Kifleen.
Kanaaf kaampaanichi gaaffii dhiyeesse keessaa miidhaa isa waliin wal hin qabanne ilaalchisee ''mariiirra kan jirru yoo tahu harkiffannaa pirojeektichaa ilaalchisee garuu gaaffii kaffaltii baasii Saaliniin dhiyaate hin fudhannu,'' jedhan.
Injiiner Kifleen hanqinni baajataa mudate kan hinjirre yoo ta'u haala amma karoorfameen waggoota lama booda janareetaroota lamaan humna elektirikii maddisiisuuf hojjechaa jirra jedhan.
Hidhi Guddichi Afrikaa irraa isa guddicha jedhamee fi yommuu xumuramu humna ibsaa MW 6000 ol maddisiisa jedhame kun waggoota afur dhufan keessatti guutummaatti xumuruuf hojiitti jirra jechuun Injiiner Kifleen BBCtti himan.
Injiiner Kiflee Horroo erga Injiinar Simmanyaw Baqqalaa du'aniin booda hojii gaggeessaa pirojeektii Hidha Guddichaa Haaromsa Itoophiyaa tahuun hojjechaa jiru.