Gaanaatti saaxiniin reeffaa akka jireenya, hawwiifi abjuu nama du'eetti qophaa'a

Gaanaatti saaxiniin reeffaa akka jireenya, hawwiifi abjuu nama du'eetti qophaa'a.

Firootniifi jaalattonni nama du'ee hamma danda'ametti namni du'e saaxinii jireenya isaa ibsuu danda'uufi gaggeessaa gariin deemuu qaba jedhau.

Gaazexeessitootni lama Filiippee Abriyuufi Heeniriikuu Heediler mana mukaa Kwei Carpentry Workshops jedhamu saaxinii reeffaa qopheessu daawwataniiru.

Kun magaalaa Akiraa keessatti yoo tahu maqaan mana mukaa sun maqaa nama yeroo jalqabaaf diizaayinii akkasii hojjeteen Seth Kane Kwei,moggaafame.

Gaanaan adunyaa irraa kakawoo oomishuun waan beekamtuuf oomishtooni waan argatan qusachuun saaxinii reeffaa ittiin awwaalaman miidhagaa isaa akka fedha isaaniitti qopheeffatu.

Saaxinin reeffaa akka kanaa hanga $1,000 (£780) kan gaafatu yoo tahu kun qonnaan bultootaaf maallaqa guddaadha.

Qonnaan bultootni hedduunisaanii guyyaatti doolara sadii [$3] caalaa hin argatan.

Saaxiniin reeffaa qophaa'an jireenya, fedha fi sadarkaa jireenyaa nama du'ee agarsiisu.

Namni ogummicha keessa waggoota 50 oliif hojjechaa ture Eric Adjetey, boca qaaraadhaan kan qophaa'u humna qonnaan bultootaan ol taha jedhe.

Halluu diimaa fi akka nama gubu kan agarsiisu eenyummaa namtichi hawwasa keessatti qabu agarsiisa.

Kun ammoo baay'ee jaalatamaadha. Mercedes Benz kun nama sooressa modela konkolaataa Jarman qaaniif hojjetama.

Kun sadarkaa jireenyaa ol'aanaa nama du'ee kan agarsiisu tahu akka qaama nama du'ee waliin wal simuti hojjetama.

Kun bifa xiyyaaraan ijoollummaan namoota du'aniif qophaa'a. Hawwasni wal gargaarees hojjechiisaaf. Du'aan boodas jireenya milkaa'aa hawwuu bakka bu'a.

Kun ammoo nama abbaa lafaa taheefi manoota ijaaree kireessuun hawwaasa keessatti beekamuuf hojjetama.

Walumaagala kana qopheessuun dirqama maatii nama boqotee yoo tahu sirna awwaalchaa raawwachuufis kaffaltii raawwachuu qabu.

Sirni awwalchaa kan gaggeeffamu gaafa Kamisaa saaxiniin bitamee qophaa'a. Jimaata ammoo reeffi bakka taa'e mana yaalaatii dhufe gaafa sanbata xiqqaa awwalchi raawwata.

Sirni awwalchaa kamisaa hanga Wiixataa guyota jiran giduutti raawwata.

Weellisaan gaafa du'u ammoo waan akka maayikiraafooniidhaan awwaalama.

Warri hojjetaan hojjaa nama du'ee suuraa fi maatii gaafachuun hojjetu.

Amma gabaan isaa waan dabaleefi namootni hedduun waan barbaadaniif ogeessotni kaanis hojjechuu jalqabaniiru.

Maamilootni biyyoota 20 ol irraa diizaayinii kana bitu. Garuu refa ittiin awwaaluuf osoo hin taane hojiidhuma aartiif ture.

Diizaayiniin saaxinii reeffaa kun barattota biyyota akka Kooriyaa Kibbaa, Raashiyaa, Ameerikaa fi Denmaarki irraa kan hawwate.

Barreefamaa fi suuraa Filiippee Abriyuu fi Heenerik Heediler.