Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Kaaashoogjii: CIA'n ilma mootichaatti quba hin qabne jedhan Traamp
Jamaala Kaashoogjii akka ajjeefamu ilmi mootiii Saawdii Mohaammad Biin Salmaan ajaja dabarsaniiru jedhee CIA'n hin murteesinee jedhan Preezident Traamp.
Kaashoogjiin Onkololeessa 2 qoonstilaa Saawdii Istaanbulitti argamutti ajjeefaman.
Qondaaltotni, miidiyaalee Ameerikaatti yoo himan gochi akka kanaa ilma mootichaan raggaasifaman malee hin raawwataman jedhu. Saawduun gama isheen akka jedhamu kana mitii jetti.
''Kanatti hin goolabne'' jedhan Preezident Traamp waayee gamaagamaa CIA gaafatamanii deebii yoo kennan.
Traamp kaleessa kana kan jedhan wayita ilmi mootichaa daawwannaa isaanii gidduugaleessa bahaa ajjeefamuu Kaashoogjii booda isa jalqabaa ta'e UAE'tti eegalaniidha.
Mohaammad Biin Salmaan dhima ji'a kanaatti marii biyyoota G-20 magaalaa giddoo Argantiinaa Boones ayireesitti taa'amurratti qooda ni fudhatu edhamee eegama. Marii knarratti biyyootni akka US, Tarkiifi biyyoota Awroopaa ni hirmaatu.
Oduudhuam kana wajjin walqabateen Fraans lammiilee Saawdii 18 irratti qoqqobbii keesseetti. Namoonni kun qoqqobbii biyyoonni akka US, UK fi Garmaniin ajjeechaa Kaashoogjii waliin namoota hidhata qabu jedhenii qooqqobaniidha.
Dubbii himaan ministeera haajaa alaa akka jedhanitti namoota qoqqobbiin irra kaahame keessa maqaan ilma moootichaa hin jiru.
''Gabaasicha harkaa qaba, jala muranii akkas hin jenne, namni ajjeechaa kana duuba ilmi mootichaa jra jedhee murteessu danda'u waan jiru hin se'u'' jedhan Traamp.