Olaantummaan seeraa akka hojiirra oolu Naannoon Tigraay gaafate

Haleellaan saba irratti xiyyeeffatte akka hin raawwanne ummanni Tigraay itti gaafatamummaa guddaan akka qabsaa'au Naannoon Tigraay ibsa baaseen beeksise.

Ibsa kaleessa galagala naannichi baasen ummanni Tigraay haqaaf jecha aarsaa guddaa kanfaluu isaa yaadachiisuun ammallee shiraan osoo hin jilbeenfatin tokkummaan akka qabsaa'u hubachiisa.

Tarkaanfii amma fudhatamaa jiru saba kamirrattiyyuu addatti akka hin xiyyeeffannes gaafateera.

''Ummanni Tigraay hacuuccaa fi garbummaa akka hinfudhanne, kan biraa irrattillee akka raawwatu hin fedhu. Haa ta'u malee, humna nu miidhuuf dhufu kamirrattiyyuu akka hin jilbeeffanne imaanaa har'aafi boriiti'' jedheera ibsichi.

Abbaan Alangaa Mootummaa Federalaa aanga'oonni Korporeeshinii Sibiilaafi Injiinarignii (MeTEC) Ittisaa Biyyaafi Tajaajila Tikaa duraanii yakka mirgoota namaa sarbuufi malaammaltummaadhaan shakkamanii to'annoo jala ooluu beeksiseera.

Kaleessallee Gaggeessaan MeTEC kan turan Meejar Janaraal Kinfee Daanyaw to'annoo jala oolaniiru.

Waltajjiiwwan ADWUI kanaan dura taasifamaniin sarbamuun mirgoota namoomaafi malaammaltummaan raawwataman akka irraa baratamuuf jecha seeraafi sirnaan sabummaa osoo bu'uura hin godhatiin tarkaanfiin akka fudhatamu qabu irratti kan waliigalamee ture ta'u ibsichi dabalee addeesseera.

Akkasumas tarkaanfiin kun hojii dhiifamaafi haraara jalqabame bifa gara duubaatti hin deebisneen, ol- aantummaan seeraa guutummaatti akka kabajamuu qabu ibsichi yaadachiiseera.

Ummannis naannoo isaa damaqinaan akka eeggatuufi haleellaa dhufuu malu kamiyyu mootummaa waliin ta'uudhaan ofirraa ittisuudhaaf akka qophaa'us ni gaafata.

Tarkaanfiin fudhatamaa jiru adeemsi isaa ifaafi dhiibbaafi gidduu seenuu humna kamiirraa bilisa akka ta'u mootummaa naannichaa ni qabsaa'a jedheera.

Gama kaaniin Mootummaan naannoo Oormiyaa ibsa baaseneis tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru leellisuun gargaarsa barbaachisuf tumsa akka laatu beeksiseera.

''Yakka Saamichaa fi kira-sassaabdummaa bifa qindaa'aan raawwatamaa tureen diinagdeen biyyatti akka laamsha'uufi qabeenyi biyyaa harka murna xiqqaa qofatti akka galu gochuun ummanni bal'aan rakkoo fi gadadoo keessatti akka kufu ta'e jedhamee hojjetamaa akka ture kan namatti mullisuudha,'' jedheera ibsichi.