Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan Vinseent Kompanii Beeljiyeemittii kantiibaa gurraacha isa jalqabaa ta'an
Beeljiyeem seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf nama gurraacha Kantiibaa gochuuf yoo filattu namni hireen kun isa gahe ammoo abbaa taphataa kubbaa miilaa beekamaa biyyittii Vinseent Kompaanii kan ta'e Pi'eer Kompaaniidha.
Kompaniin magaala Braaselsi keessatti bulchiinsa Ganshoren jedhamu hoogganuuf filataman.
Kompaaniin biyya dhaloota isaanii Dimookraatiik Ripaabliik Kongoo dhiisanii gara Beljiyeem kan imalan bara 1975 ture.
Siyaasa Beeljiyeem keessatti hirmaannaa si'ataa gochuu kan egalan bara 2006tti yoo ta'u paarlaamaa naannoo keessatti bara 2014tti filatamaniiru.
Taphataan Beljiyeemii fi kan Maanchistar Siitii Vinceent Kompaanii fi obbolleessi isaa abbaa isaaniin baga gammadde ittin jedhaniiru.