Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni daldalaa Ameerikaan gaggeessaa jirtu Addunyaa hiyyummaatti dhidhimsa.
- Barreessaa, Szu Ping Chan
- Gahee, Business reporter
Fandiin Maallaqaa Idil addunyaa (IMF) waraanni daldalaa Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti uumame guutuu addunyaa hiyyuummaatti kan galchuufi balaa guddaa akka geessisu akeekachiise.
Dhaabbatichatti ogeessi olaanaan dinagdee tokko BBC'tti akka himanitti balaan kun hawaasa, qooda fudhattoota daldalaafi sochii dinagdee waliigalaa miidha.
"Imaamanni dinagdee siyaasa ofkeessaa qaba, siyaasnimmoo biyyoota hedduu keessatti tasgabbii hin arganne kuni rakkoo dinadgee hammeessa," Maurice Obstfeld.
Dhiheenya kana Chaayinaan meeshaalee Ameerikaarraa gara biyyashee seenan kan Doolaara biiliyoona 60 baasan irratti daballii taarifaa tasifteerti.
Tarkaanfii Chaayinaan fudhatte kana boodas pirezedaantiin Ameerikaa Donaald Tramp, taarifa Chayainaa Kanaan qonnaan bultootaafi hojjettoota indastirii irra miidhaan geenyaan duubdeebiin kenninu hammaataa ta'a jechuun akeekachiisan.
Baatii darbe Ameerikaan meeshaalee Chaayinaarraa gara biyyashee seenan kan doolaara Biliyoona 200 baasu irratti daballii taarifaa taasisuunshee ni yaadatama.
Waraana daldalaa biyyoota lamaan gidduutti umamameen guddinni dingdee idil addunyaa kan Fandiin Maallaqaa Idil addunyaa tilmaame harka 3.9 irraa gara harka 3.7 tti gadi bu'uu malas jedhame.
Bara 2018 fi 2019 keessa biyyoonni akka Venzuweelaafi Arjentiinaa raafama dinagdee cimaa keessumeessuu malu.