Mulaatuu Tashoomaa : Yeroo dhiyootti tarree biyyoota galii gidduu galeessa qaban hiriiruuf hojjenna

Biyyi keenya bara darbe yerootti daandii qaxxaamurarra turtee fi jijjirama keessa galtee turtedha jedhan pirezedaantiin FDRI Dr Mulaatuu Tashoomaa.

Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa har'a waaree booda sirna baniinsa waliinii gaggeessaniiru.

Manneen maree lamaan haasaa preezdaantii mootummaa FDRI, Dr Mulaatuu Tashoomaan kan banaman yommuu ta'u, xiyyeeffannaawwan mootummaa bara haaraa irratti ergaa dabarsaaniiru.

Pirezedaanti Mulaatuun bara darbe dhaabbileen ijaa fi gurra uummataa tahan illee dadhabanii ture jedhan.

Akkasumas uummatni keenya mirgi isaa yommuu dhiibamuu fi tajaajila haqaa dhabu tarkaanfii rakkinicha hiikuu danda'u osoo hin fudhatiin yeroo dheeraa turerra jedhan, Dr Mulaatuun.

Haa tahau malee paartiin biyya bulchaa jiru gamagama gaggeessuun jijjiirama hoggansaa gaggeessuun rakkinicha furuu jalqabuunsaa abdii haaraa fiduu jalqabeera jedhan.

Gaaffii uummataa deebisuu fi carraa biyya keenyaa fuulduraa murtessuu fi jiijiramoota barbaachisan fiduun akka filannootti kan nuuf dhiyaatu osoo hin taane dhimma dirqama bulchiinsaa ture jedhan.

Jijjiramoota galmaa'an keessaas sirreeffamtoota seeraaf dhiifama gochuun mana hidhaatii namootni hedduun gadhiifamuu, riqichi jibbaa akka diigamu gochuun tokkummaan akka cimuuf hojiin guddaan hojjetameeras jedhan.

Dabalataan araara manneen amantaa Ortodoksii biyya keessaa fi ala ture gidduutti uumames caqasuuniiru.

Poolisii biyya alaa ilaachisee rakkoon waggoota dheeraaf Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture akka hiikamu taasisuu pirezedantichi ibsuun, dhimma kana ilaalchisee Dr Abiy Ahimedii fi pirezedaanti Isaayas Afawarqii galateefataniiru.

Akkasumas hariiroo biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti uumamee fi biyyoota baha gidduu galeessaa waliin hojjetame bu'aa guddaa tahuu himaniiru.

Adeemsi dimokiraasii dagaasuu akkuma jalqabee jiru gama dinagdeedhaanis hojiin itti fufinsa qabu akka hojjetamuu himaniiru.

Dinadgee biyyaa qonna irratti hirkate gara manufaakcheringitti ceesisuun hojii mootummaan irratti xiyyeefatee hojjetu tahuus himaniiru.

Gama biraanis ol'aantummaan seeraa cabuun lammiileen qabeenya horatan dhabanii kan qe'ee isaanii irraa buqqa'anii fi lubbuu isaanii dhaban baay'ee tahuu himuun mootummaan al seerummaan akka hin babal'anneef akka cimsee hojjetu himaniiru.

Kallattii fuulduraa ilaachisees, uummata Itoophiyaa keessaa 65% kan tahan dargaggota waan tahaniif Carraa hojii babal'isuu irratti cimsanii hojjechuun kallattii fuulduraa tahuus himaniiru.

Seera filannoo irrattis mootummaan paartilee mormitootaa waliin mari'achuun karaa nagaa taheen haala taayitaa qabachuun danda'amu irratti mootummaan xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan Dr Mulaatuun.

Liqaan biyyaa isa murtaa'een ol akka hin taanee fi faayinaansii mootummaa ilaalchisee dhimma baasii fi galii irratti mootumaan ni hojjeta jedhan.

Yeroo gabaabaa keessatti tarree biyyoota galii gidduu galeessaa qaban keessaa tokko tahuuf mootummaan cimsee akka hojjetu eeraniiru.

Kanaafis IGAD cimsee gara misoomaatti akka galu gochuuf shoora olaanaa taphanna jedhan.