Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan balaa xiyyaaraan booda buufatashee cufte
Maagaalaa guddoo Sudaan Kaartuum keessatti erga xiyyaarri waraanaa lama walitti bu'aniin booda buufanni xiyyaara biyyattii yeroof cufame.
Balaan xiyyaaroota waraa lama jidduutti qaqqabeen walqabatee balaliinsi addunyaa yeroof Kaartum irraa gara buufata galaanaa Suudaniitti akka darbu taasifameera.
Walitti bu'iinsa xiyyaaroota waraanaa Soviyeetiin hojjataman kanneeniin walqabatees namoonni saddeet irraa miidhaan qaqabuusaa AFPn qondaaltoota buufata xiyyaarichaa maqaasaanii eeruun hinbarbaannee caqasuun gabaaseera.
Kana malees vidiyoon wayita xiyyaarri tokko qabanneessaa jiru kan biraatti bu'u agarsiisuus karaa tiwiitaraatiin qodamaa tureera.
Akka vidiiyoo mul'ate sanattis xiyyaarri waraanaa kan walitti bu'an, Kaartuum lafa balaliinsaa (runway) 18 ture. Kunis xiyyaara AN-32 jedhamuutu duubaan kan AN- 26 rukkutuun balaa qaqabsiisee xiyyaaronni lamaanuu akka barbadaa'aniif sababa ta'e jedha maddeen oduu argamanii.
Akkasumas namoonni hedduun fakkii xiyyaarota lamaanii erga balaan qaqqabeen booda karaa ergaa tiwitiaraatiin qoodaa turaniiru.