Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan xiyyaara guddaa 'AG600 Kunlong' jedhamuufi bishaanii fi qilleensarra deemu agarsiifte
Xiyyaarri guddaa Chaayinaa bishaaniifi qilleensa irra deemuu balaliinsa yaalii sa'aatii tokkoo haala mirkanaa'een raawwateera.
Xiyyaarri guddina tilmaamaan kan hanga Boyiingi 737 gahuu fi abbaa motarrawwan turboo afurii kunis buufata xiyyaaraa Zhuhaayii kibba mandara Gu'aangidoongiittii ka'e.
Xiyyaarichis namoota 50 baachuu kan danda'uu fi qilleensarra sa'aatii 12 turuu kan danda'uudha.
Innis hojjattoota ittisa balaa abiddaa fi balaa galaanaa qaba. Akkasumas dandeettii waldhabdee naannoo galaana Chaayinaatiif hojiirra oolchuu kan dandeessisuu qaba.
Xiyyaarri AG600 'Kunlong' jedhamuun moggaafamee kunis naannoo qarqara daangaa galaanaa kibbaa gahu ni danda'a.
Midiyaan mootummaa Zhinihaan xiyyaaricha akka 'afuura ittisaa galaanaa, oddolaa fi qabeenyaa galaanaatti' ibseera.
Galaana Chaayinaa Kibbaa maaltuu waldhabsiisaa?
Jalqabiinii balaliinsa xiyyaarichaas TV biyyattiin kallattiin dabarfamaa kan ture yoo ta'u, wayita deebi'eettis ummanni alaabaa afarsuu fi muziiqaa loltuutiin simataniiru.
Hojii xiyyaara ulfina toonii 53.5 kunis waggoota saddeeti kan fudhatee.
Akkasumas qaamni xiyyaarichaa balali'u fiixe hanga fiixeetti(kachoo tokkoo hanga isa kaanii jechuudha) hanga meetira 38.8 dheerata.
Chaayinuma keessaa ajaji 17 kana dura kennameefiira.
Haa ta'u malee, xiyyaara 'Howard Hughes' kanaan dura hojjeetame waliin yeroo walbira qabamu kan Chaayinaa xiqqaadha.
Xiyyaarri 'Howard Hughes' jedhamu fiixee koochoo isaa tokkoo irraa kaanitti metira 97.54 dheerata.
Haa ta'u malee, innis bara 1947tti sakandiiwwan 26 qofaaf balali'e. Isaan booda deebi'ee hin balaliine. Ammas Oreegonitti muziyeemii keessa taa'eera.