Aanga'aan Keeniyaa: 'Ajjeechaa gara jabinaa' jaalallee isaa ulfa taateen himateme

Bulchaan Keeniyaa OKooz Obaadoo ajjeechaa sukaneessaa jaalallee isaa duraafi ulfaa gargaareera jechuun himatame.

Bulchaan kuni gaa'ela kan qabu himannaa irratti banameef ol iyyateera.

Erga reeffi Shaaroon Ontinoo shamarree waggaa 26 daggala keessatti argameeti Obaadoo irratti kan himanni baname.

Akka ragaan qoratame mul'isuutti shamarreen gudeedamuu hin ooltu, al saddeet caalaas morma isheerra, garaasheefi dugda isheerratti waraanamteetti. Mucaa ishee hin dhalannes achumaan dhabde.

Bulchaa, bulchiinsa Miigorii kan tahe Obaadoon ammaa hidhaa kan jiru yoo tahu mirga wabiisaarratti har'a murteeffama.

Haati shamarree yeroo dhaddachatti dhiyaatan imimmaan cobsaa turan, miira isaan to'achuus hin dandeenye jechuun gaazexaan biyyattii gabaaseera

Abuukaatoon olaanaa Keeniyaa Obaadoon dhimma lamaan himatamuu qaba jedheera. Tokko ajjeechaa yoo tahu, kaan immoo ajjeechaa gargaaruu.

'' Shaarooniifi mucaanshee haala suukaneessaa taheen dhabde. Kanaaf waajjirri keenya balleessaa kana seerattii gaafachiisuuf hojjetas jedheera.''

Oduun du'a shamarre kanaa erga dhagahamee lammiilee Keeniyaa dheekkamsiiseera.

Baaraak Odaar gaazexeessaa miidiyaa biyyattii yoo tahu, shamarreen kuniifi himatamaan gaafa Fulbaana 3, butamanii turan. Obaadoon ofiisaa namoota isaan butan jalaa yoo miliqu ishee garuu dhiisera. Ergasii poolisiin reeffa ishee daggala keessatti arge jedha.