Humaan Raayits Wach: 'Sarbamni naannoo Somaalee gadi fageenyaan qoratamuu qaba'

Mootummaan Itoophiyaa sarabama mirgoota namoomaa bara dheeraaf naannoo Somaalee keessatti raawwataman haala bilisaa ta'ee fi gadi fageenya qabuun qorachuu akka qabu, dhaabbanni mirga namoomaa 'Human Rights Watch' dhaame.

Dhaabbatichi ibsa baaseen akka jedheetti, qorannoo kanaan mootummaan Itoophiyaa angawoota olaanoo Pireezidaantii duraanii naannichaa Abdii Mohammad Omaar fi hogganaa Liyyuu Poolisii Abdirahmaan Abdillaahii Buraalee irratti qorannoo of danda'e akka gaggeessuus gaafateera.

Hagayya 6 ALA Jigjigaatti, erga poolisiin addaa naannichaa fi dargaggoonni Abdiif amanamoo ta'an kanneen 'Abdi Illey' jedhaman jiraattoota magaalattii haleeluun, qabeenyaa hedduus barbadeessiin booda, Pireezidaantiin naannichaa duraanii Abdii Mohaammad aangoorraa bu'an.

''Waan tahaa jiru keessaa bahuuf, mootummaan Itoophiyaa sarbama mirgoota namoomaa naannoo Somaaleetti waggoota 10 oliif tahaa tureef haqa mirkaneessuun irraa eegama,'' jedhan dhaabbatichatti Daarektarri Bahaa fi Gaanfa Afriikaa Maariyaa Barneet.

Kana malees, Ministirri mummichaa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad ajandaa jijjiramaa isaatiin yoo cimoo ta;an illeen kanneen sarbama mirgiita namoomaa keessa harka qaban kan ilaalatu ta'u qabaatas jedhaniiru Daarektarri kun.

Sarbamni mirga namoomaa kunis naannichatti irra caalaa kan babalachuu eegale bara 2007 wayita waraanni hidhannoo Adda Bilisummaa Ogaadeenii fi rayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa jidduutti ture jedha. Isaan booda aanga'oonni Itoophiyaa poolisii addaa hundeessuun akka itt waamamni isaanii Abdii Illeef ta'u taasifame.

Gabaasa isaa bara 2008tiin, dhaabbanni Human Raayits Woch kun sarbamn mirga namoomaa humnootii ittisa biyyaatii rawwatamaa jiraachusaa fi yakkawwan reebichaa, guddeeddii, dararaa fi humaan bakka jireenyaatii akka buqqaafaman taasifamuutiif itti gaafatamaan raayyaa ittisa biyyaa ta'u adda galamaa'uusaa ture jedha gabaasichi.

Haaluma walfakkaatunis, Paartiin Dimokraatawa Ummata Somaalee Itoophiyaa miseensoota koree hojii raawwachiftuu sadiifi kan jiddu gala shan dhorku guyyaa sanabata darbe ibsameera.

Paartichi xinxala hojii Hagayya 4 -11, bara 2010tti gaggeessen sababiiwwan jeequmsa naannicha umamee tureefi balaawwan qaqaban gadi fageenyaan ilaaleera.

Naannichattis sarbamni mirga namoomaa bal'aan raawwatamusaa dura ta'aan paatichaa Obbo Ahimad Shidee ibsanii turan.