Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saawudi Araabiyaan hidhata daldalaa dhaabuun dippilomaatootashee yaamte
Dhimma biyyoota naannoo Galf keessa seenuusheerraa kan ka'e hidhata daldalaafi investimentii haarawaa Kanaadaa waliin qabdu dhaabuushee Saa'uudi Araabiyaan dubbatte.
Ministirri dantaa alaa Saa'udii, ambaasaaddara Kanaadaa akka ari'aniifi jiila embaasiisaaniis kan Kanaadaa jiru akka as deebisaniis tiwiiteeri isaanii keessatti ibsanii turan.
Tarkaanfiin akkanaa kan fudhatames roggeeyyiin mirga namoomaa hedduun biyyatti keessatti hidhamuun walqabatee dhimmi kun guddoo na yaaddesseera jechuun Kanaadaan erga dubbatee booda ture.
Namoota hidhaman kanneen keessaas, rogeetittiin lammii Saa'uudii-Ameerikaa kan taate Samaar Badaawwii keessatti argamti.
Aadde Badaawwiin sirni olaantummaa dhiiraa Saa'uud Araabiyaa keessa akka dhaabbatu yaamicha dhiheessaa turte.
Saa'uud Arabiyaan maal jechaa turtee?
Dhimmoota biyya keessaa ilaalchisee ''giddugalummaa kamiyyu hinsimannu'' jechuun ministirri dantaa alaa dubbataniiru.
Jechi isaanii kun ibsa haawaasni siviliifi rogeeyyiin mirga dubartootaaf falman ''hatattamaan gad haadhifaman'' jechuun ministirri dantaa alaa Kaanaadaan torban darbe keessa Riyaadiin gaaffachuu kan agarsiisuudha.
Ministirri Saa'uudi, dhabbiin Kanaadaa kun mootummaasanirratti ''haleellaa'' godhame ta'uu ibsuun, gochaan akkanaa:
- Daldalaafi investimentii haarawaa biyyoota lamaan gidduutti ta'a jiru kan dhaabuudha
- Ambaasadarri Kanaadaa sa'aatii 24 keessatti akka biyyaa bahu kan goosisuudha
- Jiila diplomaasii Saa'udii biyya kanadaarra akka as deebi'an waamuu
- Tarkaanfilee walfakkaatoo biroos fudhachuuf kan nu godhuudha jedhaniiru.
Tarkaanfii diplomaasii Saa'uud Araabiyaan fudhatteef mootummaan Kaanaadaa hanga yoonaatti yaada hin laanne.
Hidhaan godhamee kun yaada fooya'insa kan Ilmi Mootii kan ta'e Mohaammed Biin Salmaan waggaa kana keessa hojiirra ni oola jedhanii turaniin kan wal simu miti.
Dhorkaan konkolaachisuu waggoota hedduuf dubartootarra ture waggaa kana keessa Waxabajjii 24 tti ni dhumata jechuun waggaa darbe keessa Ilmi Mootii dubbachuun isaanii haalaan akka leellifaman isaan godhe ture.