Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moskoo: Obbolaan sadan abbaa isaan dhaanaa ture ajjeesun himataman
Polisiin Raashiyaa obbolaan shamarree sadan abbaa isaani gamoo jireenya Moskoo keessatti albeen waraananii ajjeesun himataman to'anno jala olcheera.
Obbolaan shamarree sadan umurii 17, 18fi 19 ta'an ajjechaa kana amananiiru jechuun miidiyaan Raashiyaa gabaaseera. Abban isaani Mikheel akka isaan gidirsaa ture dubbatu.
Obbolaan kun abbaan isaani baruumsa akka dhiisiseen, meeshaa waranaan akka isaan dorsiiseefi akka garbaatti akka isaan turse dubbataniiru.
Marsariitin oduu Raashiyaa Vestii, abbaan umurii 57 kun madaa albeen waraaname gara 40 akka qabu gabaaseera.
Yeroo intalli isaa Umurii 17, Mariyaa si'a 35 isa waraante, obbolaan ishee Anjeliinaa (18)fi Kiristiina (19) immoo mataa isaa irra deddeebiin burrusaan akka tumani qoratoonni ni amanu.
Abukaatoon Mariyaa, abbaan isaani shamarree kana kan gudeedee hin fakkaatuu garuu mirkanessuuf qorannoon fayyaa ni taasifama jechuun oduu Raashiyaa RBC'tti dubbataniiru.
Balleessaa ta'uun isaani yoo murtaa'ee yeroo dheeraaf mana hidhaa keessa nii turu. Yeroon dheera Mariyaa irratti , akka da'ima umurii 18 gadiitii, murtaa'uu danda'u waggaa kudhani.