Lafee loltoota Yunaayitid Isteet waraana kooriyaa irratti ajjeefamanii Piyoongiyaang deebifte

Kooriyaan Kaabaa lafee loltoota Yunaayitid Isteet yeroo waraana Kooriyaa ajjeefaman Yunaayitid Isteetitti deebifte.

Xiyaarri Yunaayitid Isteet lafee loltoota kanaa buufata waraanaa biyyatti Kooriyaa Kibbaa argamutti geesseera.

Kunis kan ta'e waligaltee Donaald Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un waliin marii ji'a darbe taasisaniini.

Lafeen loltoota kanaa yeroo deebi'u erga waraanni Kooriyaa lamaani dhaabuuf waligalteen erga tasifame waggoota 65 booda ta'u isaati.

Lafeen loltoota 55 deebi'e jedhame kun kan loltoota Yunaayitid Isteet ta'un isaanii qorannoon mirkanaa'a.

Lafeen isaanii achii maal godha?

Loltoonni Ameerikaa 326,000 ta'an loltoota Kooriyaa Kibbaa fi loltoota Biyyoota Gamtoomani (UN) jalatti gurma'an waliin Kooriyaa Kaabaa Koministii deeggartu lolani turan.

Kanneen keessaas 5,300'tti kan tilmaamaman lafa amma Kooriyaa Kaabaa jedhamutti akka hafan tilmaamama.

Bay'inni loltoota kanaa loltoota biyyoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani jalatti gurma'an 33,000 keessaati.