Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibidda saafaa Giriikii: Erga namootni 74 du'anii barbaachi itti fuufeera.
Ibidda saafaa naannoo magaalaa gudditii Giriik, Ateensitti ka'ee lubbuu namoota 74 galaafatee booda barbaachi namoota oolani itti fufeera.
Qilleensi cimaan ibiddichaa babal'isee, namoota hedduu mana isaaniifi konkolaata keessaa bahuu yeroo dhowu, kaan immoo ibiddicha irraa gara galaanaatti baqataniiru.
Ministirri Muummee Giriik Aleeksis Sipraas guyyaa gaddaa sadii labsaniiru.
Reeffi ga'eessootafi da'imman 26 akka wal-aammatanitti du'an gaara gubbaatti argameera.
"Karaa itti baqatan barbaachaa turaniyyu, namootni kuniifi ijoolleen isaani yeroo hin arganne. Dhumni isaani dhiyaachuu yeroo baran wal-ammatanii taa'an," jechuun hogganaan fannoo diimaa Giriik Niikos Ekonomopowulos dubbateera.
Wiixata ibidda dhaamsitoonni dhibbaan lakka'aman qilleensa sa'aatiitti km100 fiiguun ibidda afarsamaa ture lolaa turaniiru.
Dooniwwaan warra galaana eeganiifi kan dhuunfaa namoota gara qarqara galaanaatti baqatan dhibbaan lakka'aaman fuudhataniiru.
Sodaa lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jedhuun lubbu-baraartoonni amma manneen, konkolaataafi naannoo qarqara galaanaatii namoota lubbun hafaniifi midhaaman barbaachuutti jiru.
Firootan namoota badanii eessa butee isaani argachuuf suuraa maatii isaani marsariitii irratti maxxansaa jiru.