Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mooritaaniyaa: Garbummaa irraa miseensa paarlaamaaf dorgomu
Bara 2008 garbummaa jalaa bilisa kan baate dubartiin Mooritaaniyaa filannoo paarlaamaa Fulbaanaa irratti ni dorgomti jedha gartuun farra-garbummaa IRA-Mooritaaniyaa.
Qindoomina IRA-Mooritaaniyaafi paartii Sawab dhiyeenya dhaabateef Habii Mint Rabah miseensa parlaamaa taatee filatamuu abdatti.
"Daa'ima waggaa shanii ta'een garba ta'e. Guyyaa hunda loonin tiksa. Galgala yeroo hunda gooftaankoo na gudeeda," jechuun bilisa ba'uu isheen booda Addee Rabah dubbatte.
"Yeroo hunda utuu naaf hin galiin, kun sirridha jedheen yaadaa ture."
Akka gartuulee mirga namaaf falmanitti garbummaan Mooritaaniyaa keessatti yoo dhorkamaa ta'eyyuu ammayyuu bal'inaan geggefama.
Namootni gurraachi saba murtaa'e irraa ta'an lammilee Mooritaaniyaa bifaan irra diimataniin akka hojjetoota manaatti garboomfamu.
Habii Mint Rabah obboleessashee Bilal Owuld Rabah garbummaa jala of bilisa baase galateeffatti.
Dhaabattoota mirga namaaf falmaniifi sochii IRA hubachiisuun waggaa 35 oliif garbuumma jala kan turte bilisoomsu danda'aniiru.